Ummatni barnootaa fi Teeknoolojiin of cimse diinagdee fi sirna cimaa ijaarrachuu danda’a jedhan Pirezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa obboo Shimallis Abdiisaa.

Pirezidaantii Shimallis Feestivaalii manneen barnootaa adaamaatti eegalerratti argamuun ergaa dabarsaniiru.


Rakkoo qulqullina barnootaa hundee gadi fageeffate furuuf hojii waggoota asaanan raawwatameen jijjiiramni jira jedhan.

Hojiin Manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 10 fi dhibba 8 fi 23 akka Oromiyaatti ijaaramanii qaama milkaa’inichaati kan jedhan obboo Shimallis hirmaannan hawaasaa olaanaa akka ta’e kaasan.

Barattoota faana immoo barsiisota haala mijataa hin taane keessa taa’anii milkaa’ina barnootarratti dhufeef gumachaniifis galatatu malaa ibsan

Barattootni jaabaatanii hojjachuu akka itti fufanis dhaamaniiru.

Ummata barnootaa fi teekinoolojiin cime uumuuf mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo addaatiin akka hojjatus himan obboo Shimallis.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.
Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *