Jilli Hooggantootaa Biiroo Dhimma  Dubartootaa  Daa’immanii fi Hawaasummaa Bulchiinsa  Dirree Dawaa  gitasaanii Magaalaa Adaamaarraa Muuxannoo Qooddatan.


Jilli kun wayita   Adaamaa gahanitti miseensa caffee Oromiyaa   addee Aaminaa Inkush, afa-yaa’ii mana marii Magaalaa Adaamaa addee Immabeet Jibbaa akkasumas Itti Gaafatamtuu  waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii Magaalaa Adaamaa adde Ra’iisaa Juneeydiiitiin simatamaniiru.

Hojmaata waajjira keessaa,giddugala tajaajila iddoo tokkoo Koolleejjii Fayyaa Hospitaala  Adaamaa akkasumas hojiilee  fayyadamummaa hawaas-diinagdee dubartootaa  mirkaneessuuf raawwataman daawwachiisuun keessummootaaf ibsa kennineera jedhan itti gaafatamtuun waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii Magaalaa Adaamaa addee Ra’iisaa Juneeydii.



Gama biraatiin hojii  dubartoota aangessuu magaalattiin qabdu keessattuu aanota Odaa fi Barrechaa  dubartootaan hoogganamiin bu’aalee dhufanirratti muuxannoon qoodamuu eeran.

   Bulchiinsa  Dirree Dawaatti hooggantoota seektarichaa  sadarkaa biiroo akkasumas kilaastara  baadiyaa afurii fi aanota magaalaa sagalirraa daawwannicharratti hirmaatan keessaa kanneen dubbifne hojiilee damichaan  muuxannoo ta’an hedduu magaalaa Adaamaatti argineera jedhan.

Muuxannoo argame qindeessinee  haala qabatama keenyaan hojiitti hiikuuf ni hojjanna jechuunis dubbatan.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *