Paarlaamaan Daa’immanii Magaalaa Adaamaa Yaa’ii Idilee Marsaa 2ffaa Waggaa 1ffaa Gaggeesse.

Yaa’ii kana irrattis qaamolee olaanoo magaalaa dabalatee paarlaamaan daa’immanii magaalichaa fi barattoonni argamaniiru.

Afa yaa’iin paarlaamaa daa’imman magaalaa Adaamaa barattuu Hayaat Muhammad gabaasaa dhiyeessiteen haga ammaatti hojiileen hedduun gama paarlaamaa daa’immanitiin hojjetamuu kaastee jirti.

Hojiileen kunneenis manneen barnootaa keessatti paarlaamaa daa’immanii hundeessuu, barattoota harka qalleeyyiif deeggarsa taasisuu, dhukkuboota daddarboo ta’an irratti manneen barnootaa keessatti hubannoo barattootaaf keennuu akkasumas kuduraalee fi muduraalee dhaabuu fa’a ta’u dubbattee jirti.

Hojiin tola ooltuummaa haalaan hojjetamuu fi kaka’umsi gaariin jiraachuu akka ciminaatti kan himte barattuun Hayaat hanqinni jiru ammoo seektaroonni dhimmi paarlaamaa daa’immanii isaan ilaallatu haalaan isaan deeggaruu dhabuu fa’a kaastee jirti.

Miseensonni paarlaamaa daa’immanii yaa’ii kana irratti hirmaatan yaada fi gaaffii dhiyeessaniin hojiileen hedduu hojjatamaa jiraachuu kaasanii gama Aadaatiin garuu hojiin hojjetamaa jiru xiqqaa ta’uu himuun, daa’imman daandii irraa umrii malee yakka gurguddaa dalagaa waan jiraniif daa’imman kana gorsuu fi daandii sirritti akka deebi’an gochuu barbaachisa jedhan. Sababni isaas daa’imman biroo hojii badaa kana walirraa dhaalaa adeemu waan ta’eef daandii irraa kaasuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Maatiin daa’immanii daa’imman feedhii akkamii akka qaban adda baasuun bakka oolmaa daa’iman isaanii hordofuu qabus jedhaniiru.

Gaaffii miseensota irraa ka’eef deebii kan kenne itti anaan Afa yaa’ii paarlaamaa daa’immanii magaalaa Adaamaa barataa Amaanu’eel Zawuduu daa’imman karaa irraa kaasuun wal qabatee rakkoon baajataa waan jiruuf fuula duratti irraa jalaan kan itti adeeman ta’u himuun harcaatiin miseensotaa mudatus maatiin hubannoo dhabuu irraa kan ka’e ta’us himeera.

Hanqinoota jiran maqsuun cimina jiru ceesisuuf miseensi hundi cimee hojjechuu akka qabus yaadachiiseera.

Itti aanaa afyaa’ii magaalaa Adaamaa obbo Tamasgeen Kabbadaa saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin kaayyoon paarlaamaa daa’immanii heeraa fi seera mootummaa daa’imman barsiisuu ta’uu himanii, daa’imman har’aa abdii borii waan ta’aniif manneen barnootaa hundi paarlaamaa daa’immanii hunda’ee kana cimsuu qabu jedhan.

Itti gaafatamtuun waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii magaalaa Adaamaa Aadde Ra’iisaa Juneeddii mootummaan daa’imman ga’oomsuun wal qabatee hojii hedduu hojechaa jiraachuu himanii, akka waajjira isaaniittis paarlaamaa daa’immanii kana jajjabeessuun hojiilee hedduu waliin kan hojjetan ta’uu himan.
Gabaasni kan Yordaanos Mokonnin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *