Ejensiin kaafamtoota misooma Oromiyaa damee bahaa hojiilee Ejensichaan hojjetamaa jiran irratti oggeessota waajjira lafaa magaalaa Finfinnee irraa dhufaniif muuxannoo hojii qoode.


Ejensiin kaafamtoota misoomaa damee baha oromiyaa ergamni isaa inni guddaan hawaasa Sababa misoomaan kaafamuuf bu’uuralee misoomaa fi galteewwan biroo akka guutamuuf taasisuudhaan carraa hojii bu’a qabeessummaan isaa qorannoodhaan mirkanaa’e irratti bobbaasuun jiruuf jireenya isaanii itti fufiinsaan jijjiiruudha.

Ejensiin Kaafamtoota misoomaa damee baha Oromiyaa kun hojiin ijoo isaa beenyaa Kaafamtoota misoomaf akkaataa dambii fi labsiin jedhuun qaamolee qooda fudhatan biroo waliin kaffaltii raawwachuu fi leenjii hubannoo cimsuu kaafamtoota misoomaaf kennuu fi maallaqa argataniin gara investimantiitti akka galan kan deeggarudha.

Ejensichi hojiilee akka walii galaatti hojjetamee fi hojjetama jiruu keessattuu manneen jireenyaa,warshaalee Daakuu fi daabboo , Oomisha bilookkeettii fi tirazoo,giddu gala gabaa kaafamtoota misoomaa ganda Daabee solloqqee akkasummas iddoolee furdisa loonii Kaafamtoota misoomaan hojjetaman oggeessota lafa magaalaa Finfinnee irraa dhufaniin daawwatamuun muuxannoo qooddatan.

Hojii gaggeessituun ejensii Kaafamtoota misoomaa damee baha Oromiyaa Aadde Qiddist Abbabaa gama isaniitiin akka jedhaniitti kaayyoon ijoo ejensichaa kaafamtoota misoomaa jireenya hawaas-diinagdee bu’a qabeessa, amansiisaa fi itti fufiinsa qabu akka qabaatu deeggaruun humnaa fi qabeenya isaa qindessuun abbaa qabeenyaa ta’eef guddina naannichaa keessatti gahee isaa akka gumaachu taasisuudha jedhan.

Gama biraatiin kaafamtootni misoomaa,misooma gaggeeffamu keessatti hirmaataa fi dorgomaa ta’uufi irraayis fayyadaman taasisuudha yoo jedhan hawaasni naannichaa misooma naannawaa isaatti dhufu amantaan akka simatuu fi akka deeggaru taasisuun hawwatummaa investimantii naannichaa cimsuudhaaf oola jedhan.

Fuula duratti ejensichi mul’ata naannoo Oromiyaa keessatti hawaasni sababa misoomaan kaafamu misooma naannoo isaa keessatti hirmaataa ta’uun jiruu fi jireenya amansiisaa fi itti fufiinsa qabu jiraatee arguudha jedhan Aadde Qiddist.

Qamooleen muuxannoo hojii fudhatan gama isaaniitiin hojiileen ejensii Kaafamtoota misoomaa damee baha Oromiyaan hojjetaman kan nama boonsuu waan ta’ef muxxannoo guddaa irraa argannee jedhan.

Gama biraatiin ejensichi fayyadamummaa hawaasa kaafamtoota misoomaaf cichee kan hojjetu waan ta’eef jajjabeeffamuu qaba jedhan.

Hawaasni Kaafamtoota misoomaa magaalaa Adaamaa tokko tokko carraa argametti fayyadamuu keenyaan jijjiirama guddaa galmeessinee jirra yeroo amma jedhan.

gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *