Kilabiin kubbaa miilaa magaalaa Shaashamannee waggoota 15 booda gara Piriimer liigii Itiyoophiyaatti deebi’e.


Taphootaa liigii olaanaa Itiyoophiyaa ramaddii B magaalaa Hawaasaatti dorgomamaa jiruun qabxii 47 walitti qabatee dursaa kan jiru Shaashamanneen taphoonni 4 osoo isa hafu gara piriimer liigiitti guddachuusaa mirkaneeffateera.

Taphoota torbee 21ffan sadarkaa 2ffaarra kan jiru K/B/M/ Finfinnee mo’amuusaatiin Shaashamanneen guddate.

Bara 2000 Piriimer liigii Itiyoophiyaa keessa kan bu’e Shaashamanneen gara liigichaatti guddachuuf waggoota 15 itti fudhate.

Garichi boru darbii Oromiyaan Naqamtee waliin sagantaa taphichaa guutuuf morkata.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *