Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina wayta jennu dhaadannoof qofa osoo hin taane, hojii gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan hojjennuun fakkeenya taanee argamuudhaani! Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa


Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina wayta jennu dhaadannoof qofa osoo hin taane, hojii gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan hojjennuun fakkeenya taanee argamuudhaaniidha jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Tibbana jila ministirootaafi hoggantoota olaanoo biyyoota Afriikaa 14 irraa dhufan, hojiilee misoomaa naannoo keenya keessatti hojjetaman daawwachiisaa jirra.

Hojiin misooma qamadii jallisii kilaastaraan Godina Shawaa Bahaa keessatti hojjatamaa jiru jila kanaan kan daawwatame yoo ta’u, muuxannoo gama kanaan qabnu obboleewwan keenyaaf qoodneerra.

Hojii gama Indaastirii qonnaan hojjataa jirruuf fakkeenya kan ta’u Waldaan Aksiyoona Jabduu Mootorsis jila kanaan daawwatameera.

Kaambaaniin kun qonna keenya ammayyeessuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jira.

Keessattuu, paampii bishaanii oomishuun, hojii misooma qamadii jallisiin eegalameef lafee dugdaa ta’eera.

Sanyii filatamaafi galtee qonnaa dhiyeessuun qonna keenya kan utubaa jiru Yuuniyeeniin Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaas daawwatameera.

Kana malees, buufata biqiltuu avokaadoo Laga Mojoofi misoomni Avokaadoo Aanaa Lumee kan alatti erguun sharafa alaa irraa argachaa jirru daawwatameera.

Yeroo gabaabaa keessatti hojii Afriikaanotaaf fakkeenya ta’u hojjachuun keenya baay’ee nu boonsa jedhan pirezidaanti Shimallis ergaa karaa toora miidiyaa hawaasaasaanii dabarsaniin.

Qaamolee hojii kana milkeessuu keessatti qooda qabdan hunda galateeffachuun barbaadas jedhan.

Milkaa’ini argame kun kan teenyee akka boonnu nu taasisu osoo hin taane, kan milkaa’ina olaanaaf nu kakaasu ta’uu qabaas dhaaman.

Xiyyeeffannoon obboloota keenya Afriikaanotaa nurra ta’uun dirqama dachaa nurra kaa’eera.

Qooda fudhattoonni hundi haamilee kanaan jabaattanii seenaa akka hojjattan dhaamas jedhan.

Ni hojjenna, seenaa ni jijjiirra!
Hiyyummaa dhaadannoon osoo hin taane, hojiidhaan seenaa ni goona.!

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *