Babal’inni hojii CCTV Kameeraa yaadama Ismaart Adaamaa dhugoomsuu keessatti shoora ol’aanaa waan qabuuf milkaa’ina hojichaaf hawaasichi tumsuu akka qabu manni qopheessaa magaalichaa beeksise. Waajjirichi mukeen daandiirraa agartuu kaameeraarratti danqaa ta’an muraa jira.


Bulchiinsi magaalaa Adaamaa inisheetivii hawwatummaa fi miidhagina magaalaa qabate hawaasa magaalichaa hirmaachisuun hojiilee piroojektoota gurguddaa milkeessuun hawwatummaa magaalichaa guddisaa jira.

hojiilee akka magaalichaatti hojjetamaa jiru keessaa tokkoo nageenyummaa hawaasa magaalichaa eeguu fi sochii tiirafikaa ariifachisuuf CCTV Kameeran iddoolee adda addaa dhaabachuun sochii magaalaa sa’atii 24 to’achaa jira.

Hojii hojjetamu kana keessatti CCTV Kaameeran kallattii hundatti waraabuu fi suuraa akka fudhachuuf tolutti mukeen daandii irratti dhaabamanii jiran Karaa sayiinsawwaa ta’en akka kaameeraaf ta’utti manni qopheessaa muraa yeroo jirutti qamooleen nageenyummaa magaalichaa hin barbannee tokko tokko bulchiinsi magaalaa Adaamaa biqiltuu mancaasa jira jechuun olola dhugaa irraa fagaate afarsaa jiru jedhan.

Qindeessituun garee qulqullinaa fi magariisummaa mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Tsahaayi Geetahun bulchiinsi magaalaa Adaamaa fayyadamummaa uummata magaalichaa gama hawaasummmaa, dinagdee fi Siyaasaatin jiru mirkaneessuuf yaadama ‘smart city’ hojiirraa olchuun bu’aan gaggaariin argamee jira jedhan.

Hojiilee fayadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiru keessaa tokko naannoo mijataa ta’ee fi nageenyummaan uummataa itti mirkanaa’e uumuuf magaalicha keessatti CCTV kaameeraa dhaabuun gochoota alseerummaa adda addaa to’achuun kan danda’ame ta’uu kan dubbatan Aadde Tsahaayi haa ta’u malee magaalicha keessatti iddoolee Kaameeraawwan dhaabatan qulqulluu gochuuf biqiltuu iddoo waraabbii kameeraaf mijalataa hin taane kara saayinsawaa ta’een ogeessaan muramaa kan jiru ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa gama isaatin yeroo mara fayyadamummaa hawaasastif cichee kan hojjetu ta’u dubbachuun hawaasnis iddoo barbachiisaa ta’etti deeggarsa gochuu akka qabanis gaafatan.

Gabaasni Kan Tashoomaa Urgii.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *