Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti karoora hojii bara 2016 seektaroota mootummaa kilaastarootaan dhiyaate irratti mari’atame

.


Itti gaafatamaan waajjira kantiibaa magaalaa Adaamaa obbo Turaa Gizaaw akka jedhanitti karoora bara 2016 qophii xiinxallii fi qorannaa gahaa itti taasifame kanaaf xiyyeeffannaa itti kennuu qabna jedhan.

Itti aansuunis gabaasni karoora kilaastaraan dhiyaate keessaa kilaastara damee dingdee, kilaastara waajjira kantibaa, kilaastara damee tajaajilaa, karoora bara 2016 keessatti qabame milkeessuuf xiyyeeffannaan hojjachuun murteessaa ta’uu ibsamee jira. kana malees gama tajaajiila waliigalaa keessaa seektara barnoota, fayyaa, daldalaa , carraa hojii uumuu, galii magaalichaa guddisuu Adaamaa Ismart taasisuuf teeknooloojii gara garaatti fayyadamuun cimsuu, ciminootaa fi carraawwan jiranitti duguuganii fayyadamuun murteessaa ta’uu ibsamee jira.

keessattuu raawwii bara 2015 hojjataman keessatti Ismart Adaamaa ,galii magaalichaa guddisuu, Industirii Godoo , kadaastara lafaa halkanii fi guyyaa hojjachuu, inisheetivota qonna magaalaa babal’isuu fi biroo akka ciminaatti ibsamuun kanneen akka ijaarsa seeraan alaa babal’achaa dhufe dhaabsisuu dadhabuu, qaalayiinsi jireenyaa dabalaa dhufuu, hojii dhabdummaa akkaataa barbaadamuun hojii keessa galchuu dhabuu, mana jireenyaa kiraan dabalaa dhufuu akka hanqinaatti ka’uun furmaata argachuu akka qabu ibsamee jira.

Kallatti karoora hojii bara 2016 keessatti qulqullina, baay’inaa fi saffisaan hojjachuun badhaadhina waloo mirkaneessuun guddina magaalichaa roga maraan dhugoomsuuf xiyyeeffannaan itti kennamee hojjachuun akka barbaachisu ibsamee jira.

Hojii tajaajila lammummaatin bara 2016 tti qaamoolee hawaasa gara garaa hirmaachisuun qarshii biiliyoona tokko ol hojjachuuf karoorfamee jiraachuu ibsamee jira.

Akkasumas karoora addaa hojjiwwan bara 2016 akka magaalichaatti qabaman inni ijoon inisheetivoota gosa 8 keessaa invastimeentii cimsuu, qonna magaalaa, industirii babaldhiisu , misooma barnootaa irratti hojjachuu, madda galii guddisuu fi Ismart Adaamaa milkeessuun walqabatee hoggansaa fi qaamolee hawaasaa hirmaachisuun kan hojjataman ta’uu karoora dhiyaate keessatti ibsamee jira.

karoorri ka’umsa piroojektii dhiyaatee keessatti akkaataa piroojektoonni hojjataman yeroo qabameef keessatti qulqullinaan xumuramee tajaajila hawaasaaf akka kennu xiyyeffannaan hojjatamuu akka qabus ibsamee jira.

Hirmaattonni tokko tokkos karoora baasuun dura uummata hirmaachiisuun qorannaa ogeessotaan taasifame booda hojiirra yoo oole milkaa’inni isaa olaanaadha jedhanii karoora bara 2016 bahe kana qabatamaan hojiira oolchuu qabna jedhan.

Yaadaa fi gaaffii hogantootaa fi oggeessota karooraa irraa ka’eef kallatii hojii kan kennan Itti gaafatamaan waajjira kantiibaa magaalaa Adaamaa obbo Turaa Gizaaw akka jedhanitti hojjilee Ismart adaamaa, hirmaannaa uummataa fi biroo bara kana akka magaalichaatti raawwataman muuxannoo gaarii ta’uun sadarkaa magaaloota biyya keenyaatiin daawwatamaa jiru bara 2016 keessattis cimsinee itti fufsiisuun badhaadhina waloo qabannee hojjachaa jiru milkeessuu dandeenya jedhan.

Adeemsa raawwii hojii keenya keessatti akka hanqinaa fi rakkootti kaastan galtee taasifannee xiqii fi antummaa uummata keenyaaf jennee karoora baafannee xiyyeeffannaan itti kenninee hojjachuu qabna jedhan.

Dhimmoota hojjilee karoora bara 2016 baafatan walqabatee hojjattootaa fi uummata hirmaachiisuun inisheetivootaa gara garaa bocamanii fi pirojeektoota jiran xiyyeeffannaan irratti hojjachuutu nurraa eeggama jedhan.
Taayyee Abarraatu gabaase

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *