Dameen Quqlqullinaa fi Magariisummaa muldhata’smart Adama’ milkeesuu haala danda’uun xiyyeeffannoo Kennee Hojjachaa jiraachuu manni qopheessaa magaalaa Adaamaa beeksise.


Muldhatni magaalaa Adaamaa tajaajila kennamuu fi rakkoolee hawaas diinagdee magalaattii teekinoolojii fayyadaamuun furuu yaadamaan eeagale hojitti hiikamuunis bu’aawwan fiduu jalqabeera..

Galamoota muldhaticha keessatti qabataman keessaa magalattiitti naannoo ‘Ismaart’ ta’e uumuun tokko yoo ta’u kana milkeessuuf hundumarraa gaheen eeggamu jiraatus manni qopheessaa magaalattii hojmaata hojjachisu diriirsuurraa eegalee sosochii hawaasaa uumuurratti abbummaa qaba.

Kanaan walqabatee manni hojichaa maal raawwate? karoorri gara fuula duraa qabate hoo maali jechuun Raadiyoon ABS gaafatteerti.

Quqlqullinni fi magaariisummaan magaalattii naannoo qulqulluu fi hawwataa’smart environment’ uumuun turistoota harkisee damicharraa galiin olaanaan akka maddu akeeknee hojjachaa jirra jedhan Hojigaggeessaa Ittaanaa fi Ittigaafatamaan damee tajaajila mana qopheessaa magaalaa Adaamaa obboo Kokkab Akliluu dhimmicharratti ibsa kennaniin.

Qulqullinarratti waldaalee gurmaa’an akkasumas hirmaannaa hawaasaa fayyadamuun raawwatamaa jiraachuu himan.

Jalqabbiin jiratus damicharratti sochii hawaasaa dhuunfaa fi waloon taasifamu idileessuun xiyyeeffannoo tarsiimoo’a kennamaaf jedhu.

Magariisummaan walqabatee iddoo waliinii adda bahan irratti sochiin gama kanaan jiruu fi jijjiirama fide maddiitti daandiiwwanirratti biqiltoota daran hawwatoo ta’an dhaabuun akka kunuunfaman gochuun bu’aan galmaa’uu eeran obboo Kokkab.

Rakkoo bishaan lolaa yaaddoo yeroo dheeraa jiraattota magaalattii salphisuuf kallattii lamaan hojjatamaa jiraachuu kan ibsan obboo Kokkab gaarreen magaalattii marsanirratti hojii daagaa hidhuu fi biqiltoota kana ittisan dhaabuun raawwatamuu dubbatu.

Magalattii keessatti immoo boo’oowwan lolaa hirmaannaa hawaasaan quqlqulleesuu fi dhimmuma kanaaf kan oolu haroo migiraa irratti ‘daayikii’sadii hojjachuunis raawwatamuu kaasan.

Dambii dhabamsiisa balfa gogaa mana maree magaalattiin ragga’e hojiirra akka ooluu taasisuun damicha ammayyeessuu akkasumas ganna kanatti biqiltoota magariisummaa fi hawwattummaa magaalttii caalatti fidan dhaabuun hojiilee gara fuula duraa xiyyeeffannoon raawwatamaniidha jedhan.

Hawaasichi hirmaannaa baratamesaa itti fufsiisuu akka qabus dhaamaniiru obboo Kokkab.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *