Bulchiinsa magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Boolee Ganda Dhaddacha Araaraattii waldaaleen Shammattootaa baay’een ijaaramanii hojii keessa jiraatanis dhiyeessiin meeshaalee bu’uuraa fi fedhiin uummataa wal hingitu jedhame.


Fayyadamtoonni meeshaalee bu’uuraa kanneen Ganda Dhaddacha Araaraa keessa jiraatan waldaaleen shammattootaa gandicha keessa jiran meeshaalee bu’uuraa haala barbaadamuun dhiheessaa hinjiran jechuun komatan.

Keessattuu yeroo ammaa sukkaarrii fi Zayitiin,akkasumas Daakuun dhihaacha hin jiru rakkoo garaagaraaf saaxilamaa jirra jedhan.

Kaayyoon sochii waldaalee shammattootaa meeshaalee bu’uura gatii madaalawaan madda isaaniirra fiduun uummatatti guguruun ofiifi uummata tajaajiluu yoo tahu,sababa hanqina meeshaalee bu’uuraa kanneen akka Sukkaaraa fi Zayita nyaataa,Saamunaa fi Daakuu akkasumas kanneen birootiin qaala’insi gabaa ni mul’ata.

Waldaaleen bulchiinsa magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Boolee Ganda Dhaddacha Araaraa keessa jiran danuu yoo ta’an,isaan keessaa waldaan kookeetii fi Daandii guddinaa akkasumas Dingat Daraashii jedhaman kanaan dura dhuunfaa dhuunfaadhaan meeshaalee bu’uuraa torbee sadi sadiin fiduun gatii madaalawaan uummataaf dhiheessuun ofiifi uummata tajaajilaa kan jiran yoo tahu yeroo ammaa qarshii qaban walitti fiduun sadeen isaan waldaa waliin jedhamuun gurmaa’uun hojii eegaluuf jedhame.

Meeshaalee bu’uuraa kanneeniif gatii kan baasuu fi murteessu waajjira Daldalaa magaalaa Adaamaa yoo tahu,waldaaleen ofii gatii meeshaa murteessuun daballii gatii taasisuun gurguruu hin danda’aan jedhan hojii gaggeessaan waldaa waliin kutaa magaalaa Boolee Ganda Dhaddacha Araaraa obbo Badhaadhaa furaa.

Kanaan dura waldaan kooketii fi Daandiin guddinaa akkasumas Dingat daraash jedhaman,meeshaalee bu’uura dhiheessuun kopha kophaa hojjechaa turan,yeroo ammaa humna qaban jabeessuudhaan kan kanaan duraa caalaa hojii bu’a qabeessa hojjechuuf waldaa waliin jedhamutti gurmaa’uun hojiif qophii taasisaa jira jedhan.

Waldaalee garagaraa wajjiin gurmeessuu qofa osoo hin ta’in, mootummaan qabeenyaa fi humna waldaalee kanneenii cimsuuf deeggarsa gochuu qaba jechuun waamichaa dhiheessan.

Bulchan Ganda Dhaddacha Araaraa obbo Yuusuuf Shaafii waldaaleen kanaan duraa kopha kophaa hojii garagaraarratti hirmaacha jiran riifoormii gaggeessuun waliin gurmeessuu dandeenyee hojii fooyya’aa ni hojjetu jennee abdii qabna jedhan.

Rakkoolee akka addunyaa fi biyya keenyaaatti uummataa qunnamaa jiru rakkoo qaala’insa gabaa ilaalchise fedhiin uummataafi dhiheessiin jiru wal hin gituu, alseerummaa xiqqeessuun furmaataaf wajjiin ni hojjena jedhan.

Yeroo ammaa meeshaaleen bu’uuraa gabaarra dhabamuu fi gatiin hanga ol dabaleera waan ta’eef uummanni keenya Kana hubachuun waldhaggeeffachuun bara kana keessa darbuu qaban jedhan.
Xibabuu Hordofaatu gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *