Jilli miseensota caffee Oromiyaa walitti qabaa koree dhaabbii dhimma misoomaa magaalaa obbo Abdulqaadir Huseeniin durfamu hojiilee misoomaa magaalaa Adaamaa fi kenna tajaajilaa kutaa magaalaa Boolee daawwate.


Magaalaan Adaamaa Galmoota ‘Smart Adaamaa’ 10’n bojiirra oolchuun yeroodha Yerootti muuxannoo hojii hoggansa sadarkaa federaalaa fi naannoo Oromiyaaf qoodaa jiraachuun himameera.

Daawwannaa hojii misoomaa gaggeeffame kanarratti miseensota koree dhaabbii caffee Oromiyaa akkasumas hoggantoonni magaalaa Adaamaa fi kutaa magaalaa fa’a argamaniiru.

Iddooleen daawwataman kutaa galma Galaarii Ismaarti Adaamaa fi haala Kaameeraadhaan Iddoo tokko taa’uun sosochii magaalaa Adaamaa hordofan,kutaa magaalaa Boolee keessatti sadarkaa manni nurtii Aadaa irra jiru,Kaadaastara lafaa fi qonna magaalaa akkasumas warshaa huccuu magaalaa Adaamaa,Daandii Aspaalatti ijaaramaa jiru daandii gara hurkaa Bokkuu deemuu fi buufata fayyaa Aanoolee fa’adha.

Walitti qabaan koree dhaabbii dhimma misooma magaalaa Caffee Oromiyaa obbo Abdulqaadir Huseen Daawwii guyyaa 2 ffaa Magaalaa Adaamaa keessatti taasisineen kenni tajaajila magaalaa fi kutaa magaalaa sadarkaa gaariirra jiraachuu, keessattuu qindoomina Kaameeraatiin balaa garaagaraa hir’isuuf Yaaliin taasifamaa jiru,hojii lafaatiin wal qabate kaadaastarri hojiirra ooluu fa’a dansa jedhan.

Warshaan Huccuu magaalaa Adaamaa keessatti Hojjechaa jiru meeshaalee alaa galuu ofii Oomishuun kan biyya keessatiin bakka buusuun guddinaa fiduu keessatti shooraa ol’aanaa qaba. Gaaffii dhaabbatichi dhiheessu hunda bulchiinsii magaalaa deebisuu qaba jedhan.

Hundeeffama mana murtii Aadaa fi hojiin isaan Hojjechaa jiran ilaalchisee duraan dursa kan barbannee kana waan ta’eef cimina mul’atan galtee godhachuudhaan hir’ina jiru hambisuuf hojjetamuu qabas jedhan.

Hojii gaggeessan mana qopheessa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Mangistuu Nageessoo ibsa Keessummoota daawwataniif yoo kennaan akka jedhanitti daandiin Aspaaltii saffisaarra gara warshaa Ituur Geessuu bal’inni isa meetira 30,paakeejjii hunda kan qabu,km 2.1 kan tahuu fi qarshii miiliyoona 200 oliin ijaaramaa jira jedhan.

Itti Aantuun Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Hinseenee Mohaammad kenna tajaajilaa ammaayyeessuu, seeektarrii hundi hojii diijitaalazaayzeeshinii hordofuu, mootummaa cimaa sadarkaa hundatti saffisiisuu fa’aa himan.

Yakka magaalaa keessatti raawwatamu ittisuuf magaalaa fi gandoota hunda keessatti kaameeraa galchuun to’achuufi itti fayyadamuu, Bilbila bilisa 9141’n Uummanni rakkoo jiru akka gabaasu taasisuun sa’aatii 24 guutuu tajaajilaa jiraachuus himan.
Xibabuu Hordofaatu gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *