Jilli itti aanaa pireezidaantii mana murtii waliigala Oromiyaa obbo Badrii Tamaamiin durfamu manneen murtii aanaa kutaalee magaalaa Adaamaa saaquun hojii eegalchiise


Caaseffama riijiyoopoolii magaalaa Adaamaa hordofuun manni murtii ol aanaa godina addaa magaalaa Adaamaa tajaajilasaa dhaqqabamaa taasisuuf manneen murtii aanaa sadarkaa kutaalee magaalaatti banuun tajaajila eegalchiiseera.

Sagantaa saaqinsa mana murtii aanaa kutaalee magaalaa Adaamaarratti argamuun haasawaa kan taasisan Pireezidaantiin mana murtii olaanaa magaalaa Adaamaa obbo Maammoo Tusii akka jedhaniitti mootummaan naannoo Oromiyaa magaalotaa naannichaa keessatti hojimaataa fi kennaa tajaajiilaa dhaqabamaa taasisuu fi bifa ammaayyaa qabuun hawaasa isaa tajaajiluuf Labsii hundeeffama magaaloota mootummaa naannoo oromiyaa irra deebiin hundeessuuf bahe labsii lakkoofsa 250/2015 bu’uura godhachuun manneen murtii aanaalee banuun barbaachisaa ta’ee argameera jedhan.

Uummanni keenya hundeeffama mana murtii kutaa magaalaatti taasifame kannatti fayyadamu qofa osoo hin taane itti dhiyyeenyaan hanqiinaalee kanneen akka ragaa sobaa fi fadaalummaa irratti eeruu walii kennuun mana murtii waliin waliitti dhiyyeenyaan hojjachuu qabna jedhu.

Itti aantuu Kantiibaa magaalaa Adaamaa addee Hinseenee Muhaammad gama isaaniitiin foyya’iinsi labsii magaalootaa gara riijoo pooliitii akka guddaataan eegaa taasifamee kaasee sadarkaan magaaloota oromiyaa hedduun isaanii sadrakaa fooyyeetti akka ce’an taasifamaatti jira jechuun magaalaa Adaamaatti manni murtii sadarkaa kutaa magaalaatti akka banamu taasifamuun isaa rakkoolee hawaasaa kan hiikuudha jedhu.

Manni murtii Sadarkaa kutaa magaalaatti gaafa hundeeffamu jijjiirama magaalaan adaamaa fidaatti jirtu gama misoomaatiin, siyaasaa fi gama nageenyaatiin jiru itti fuufsiisuuf qabuun gahee olaanaa qaba jedhan.

Itti aanaa pirezedaantii mana murtii waliigala oromiyaa obbo Badrii Tamaam sirna saaqiinsaa mana murtii kana irratti argamuun mootummaan tokko mootummaa dimookiraatawwaa ta’e itti fuufuuf qaamolee saddeen waliin ta’uun Heera fi seeraan aangoo isaaniif kenname giddu galleessa godhatanii gaafa hojjatan diimokiraasii fi guddinni biyya tokko ni mirkana’aa jedhu.

Manneen murtii kutaa magaalaatti hunda’aan hojiitti galchuun humna nanaa guutuu fi mana keessatti hojjatan sirreessuun Bulchiinsi magaalaa Adaamaa deeggarsa barbaachiisuu gochuu qaban kan jedhn obbo Badrii Tamaam tajaajila haqaa qulqulluufi dhaqqabamaa ta’e hawaasa keenyaaf kennuu qabna jedhan.

Tajaajila qulqulluu fi haqa qabeessa ta’e uummata keenyaaf kennuuf mana murtii fi abbootii seeraa irratti uummanni amaannaa guddaa nurratti waan gateef qixaan gahee keenya bahuu qabna jedhu.

Sirna saaqiinsa mana murtii irratti abbootti seeraa fi jirattoota kutaa magaalaa arginee dubbifne akka jedhaniitti manni murtii sadarkaa kutaa magaalaatti gadi bu’uu isaatiin baay’ina hojii kan nuuf salphiisee waan ta’eef qulqullinaa fi ogummaa keenyaan ni hojjanna jedhu.Kana malees deeddeebii kan nuuf salphiisee fi yeroo keenyaas kan nuuf qusatee dha jechuun yaada isaanii ABS tti himan.

Kan Gabaase Sisaay Isheetuu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *