Manni Barnootaa Daabee Aartuu sadarkaa 1ffaa lakkoofsa 3 Barattoota Sadarkaa barnoota Idileen duraa/U-KG/ Barsiisaa Ture Eebbise.


Barattoota sadarkaa ‘U-KG’ waggoota sadihiif barsiisaa turan 52 kan eebbisan ta’uu dura bu’aan mana barnoota Daabee Aartuu lakkoofsa 3 barsiisaa Gullilaat Baalchaa ibsaniiru.

Manni barnootichaa sirna barnootaa haraa hojiitti hiikame hordofuun hanga kutaa 6ffaatti barsiisaara kan jedhan barsiisaa Gullilaat fooyya’iinsa mana barnootaa dabalatee hojiilee qulqullina barnootaaf gumaachan raawwatamuu eeran.

Abbaan qabeenyaa fi Hoji-Gaggeessaan manneen barnoota Daabee Aartuu obboo Alamuu Baalchaa gama isaaniitiin waggoota sadiin dura ijoollee maatiirraa imaanaan fuune 92 sadarkaa ‘U-KG’n dameelee mana barnootichaa sadeenirratti waliigalaa beekkumsa hidhachiisuun eebbisiisneera kanumas itti fufna jedhan.

Manni barnoota kun bara 2013ttii barattoota 109 fi hojjattoota 12n hojii eegalee dameelee saditti barattoota 700 ol barsisaa jiraachuu akkasumas baayyina hojjattootaas 58n gahuu kaasan.

Gara fuula duraattis muldhata kaa’anne bu’uura taasifachuun barnoota gochaan deeggaramee kennuun fi mana barnootaa ‘’smart’’ta’e uumuuf ni hojjanna jedhan.

Sagantaa eebba barattootaa kanarratti maatiin barattootaa akkasumas gaggeessitootni fi barsiisotni mana barnootichaa argamaniiru.

Barattoota qabxii olaanaa galmeessisan akkasumas qaamolee milkaa’ina hojii mana barnootichaaf gumaachaniif beekkamti fi badhaasni kennameera.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *