Waajjirii pabliik sarviisiifi misooma qabeenya namaa magaalaa Adaamaa qajeelfama ramaddiifi sadarkaa guddinaarratti hojjattoota mootummaa magaalichaaf leenjii hubannoo cimsuu kenne.


Magaalaan Adaamaa yeroo ammaa kana gurmaa’insaa haaraan gara riijiyoopooliitti guddachuu irraa kan ka’e qajeelfamni fi rammaddiin hojii bifa haarawaan hojjettootaaf qophaa’uun ibsame.

Leenjicha kan kennan Biiroo pabliik Sarviisii fi misooma qabeenya namaa Oromiyaatti itti gaafatamaan mana murtii bulchinsa hojjatootaa obbo Silashi Fiqaaduu akka jedhanitti magaalaan Adaamaa magaaloota mootummaan naannoo Oromiyaa riifoormi jala galche 16 keessaa ishee tokkoo yoo taatu, qajeelfama mootummaan kaa’e irratti hundaa’uun yaadama magaalotaa jijjiiruufi tajaajila haqa qabeessa hawasaaf kennuf hojjataa sirrii iddoo sirriitti haalaa kamiin ramaduu qabna waan jedhu irratti leenjii kennamedha jedhan.

Akkasumas ramaddii fi qajeelfamni hojii haaraan kun har’a irraa jalqabee hojiitti kan hiikamu yoo ta’u nama akka feeteen ramaduu osoo hin taane hojjataa sirrii gahumsa qabu adda baasuuf ulaagaa qorumsa qoruutiin kan raawwatamu ta’uu ibsuun kana ittiin madaaluuf yunivarsiitii naannoo Oromiyaa walin hojjachaa jirra jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira pabliik sarviisii fi misooma qabeenya namaa magaalaa Adaamaa obbo Dinquu Hundee gama isaaniitin magaalaan Adaamaa caaseeffama harawaan muummee irraa gara riijiyoopoolitti sababa jijjiiramteen qajeelfamni raawwii fi rammaddiin hojjattoota mootummaa bifa fooyya’aa ta’een irra deebi’amee qophaa’uu ibsuun nutis kanuma ilaalchisuun leenjii hubannoo cimsuu hojjattootaaf kennine jedhan.

Kana malees qajeelfamnii fi ramaddiin hojii mootummaan bifa haarawaan baase kun sirni ramaddii hojjattootaa haqa qabeessaa fi iftoomina akka qabaatu, ogeessa ammayyaawaa uumuu fi magaalattii misoomaan dorgomaa taasisuuf faayidaa ol-aanaa qaba jedhan.

Hirmaattonni leenjichaa addatti ABS dubbise yaada kennaniin hojiin kamtuu dandeetti fi muuxxanno keenya waliin walsimata jechuun karoora hojii haaraa baafachuun uummata tajaajiluuf qophii dha jedhan.
Makiyaa Muusaatu gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *