Dhimmi ashaaraa magariisaa dhimma Itiyoophiyaa eeguu, kabajuufi baadhaatuu taasisuuti’-MM Dr Abiyyi Ahimad.


Dhimmi ashaaraa magariisaa dhimma Itiyoophiyaa eeguu, kabajuufi baadhaatuu taasisuu ta’uu, Ministirri Muummee Dr Abiy Ahimaf ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaanii dabarsaniin beeksisan.

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad Guyyaa boruu kan hojiirra ooltuu sagantaa ashaaraa magariisaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 500 dhaabuu hordofee ergaa dabarsaniiru.

Dr Abiyii dhimmi ashaaraa magariisaa dhimma seenaa jijjiruufi dhalootaaf waa kaa’uu ta’uu ergaa isaaniin eeranii, “Kaayyoon keenya rikardii ofii keenyaa fooyyessuudha” jedhaniiru.

Guyyaa kana guyyaa dhimmoonni hawaasummaafi amantaa itti raawwatamurraa bilisa kan gooneef Itiyoophiyaanoonni hundi sagantaa kanarratti hirmaachuun seenaa kana akka qooddataniifi jedhan.

Wixata kan filanneef yeroo hojii jalqabnu qabeenya uumamaa deebisuun akka eegaluuf jedhaniiru.

Dorgommiin keenya ofiinu keenya waliin akka ta’e himanii naannoleen, Godinaaleen, aanaaleenfi qe’ee kan bara darbee caalaa biqiltuu dhaabuun rikardii ofii isaanii akka fooyyeessan ni amanna jedhan.

Tokkoon tokkoon keenya rikardii ofii keenyaa fooyyeessu qabna. Ani ofii koof bor irra deddeebiin biqiltuu dhaabuuf qophaa’eera. Isin hoo ?

Rakkoon rikardii ofii isaa akka ofiin fooyyeeffatu heeyyamuufii hin qabnu, rakkoon nurratti rikardii ofii isaa yoo fooyyeesse mo’amneerra jechuudha jedhaniiru.

Rakkoo kan hin jifannu jalqaba rikardii keenyaa, itti aansee kan naannawwaa keenyaa, dhumarratti kan idil addunyaa yoo fooyyesinedha jedhan.

Bor Adoolessa 10/2015 rikardii ofii keessanii haala baay’ee guddaa ta’een hanga fooyyesitanitti biqiltuu dhaabuuf qophaa’aa jechuun Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *