Kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee badhaasni argame kun ifaajee nama hundaatti waan ta’eef badhaasa itti aanuuf karoora gahuumsa qabuu fi rakkoo ummataa hiikuu danda’u baafaachuun of qopheessuu qabna jedhan.

Jiraattotni magaalaa Adaamaas badhaasa injifannoo misooma magaalattii eegsisuuf bulchiinsa magaalichaa cina kan dhaabbatan ta’uu himan.


Magaalaan Adaamaa bara 2015tti hojii qabatamaa fi mul’achuu danda’uu hojjachuun gammagama raawwii hojii ilaallameen Magaaloota oromiyaa keessaa yeroo 3ffaaf badhaasa ”Presidantial Award”yoo argatu qormaatilee alaa fi keessaa muudachaa turan gara carraatti jijjiiruun injiiffannoon kan darbame ta’uun himame.

Milka’inni badhaasa kanaa qindoomina hoggansa jijjiiramaa fi hirmaannaa ummataatiin wal simsiisuun bara hojii 2015tti hojiileen gama misoomaatiin,
nageenyaa fi gama Bulchiinsa gaariitiin
hojjataman raawwiin fooyyeen kan jiruudha jedhu jirattootni ABS dubbise.

Badhaasnii fi beekamtiin yeroo 3ffaaf magaalaan Adaamaa argate kun caalmaatti miira dorgommii fi kakka’uumsa hojii itti aanuuf kan nukakkaasu waan ta’eef hojii fayyadamummaa ummataa bu’uurefate mirkaneessuuf kan hojjanuudha jedhu jirattootni kunneen.

Itti aansuun akka jedhanitti waggaa 3ffaaf badhaasa ‘Presidantial Award” adaamaan yoo argatu karoora ‘smart Adama’dhugoomsuuf kantiibaan magaalaa Adama’ qabatanii hojjachuun nu hojjachiisaaniin bu’aaleen heedduu akka galma’aan ibsuun namoota harka qalleeyyiif mana jireenyaa ijaaruu fi gama nageenyaatiin irratti karoorfamee dhimma hojjatamuu qabuudha jechuun bara hojii itti aanuu keessatiis kutannoon kan hojjannuu fi magaalaa adaamaa magaalaa Duubaayii gochuuf hirmaannaa wal irraa hin cinne kan goonuudha jechuun yaada isaanii ibsatan.

Hayyootni Yuuniversiitii Saayinsiifi tekinoloojii Adaamaa tokko tokkos magaalaan Adaamaa sochiilee gugguddoo gama hundaan raawwaachaa jirtuun deeggarsii Yuunvarsiitiin saayinsii fi teekinoolojii Adaamaa gahee olaanaa qaba waan ta’eef badhaasa argameetti gammadineetti jira jedhu.
Yuniversiitichi hawaasa leenjiisuun tumsa addaa addaa gochaa akka ture kan ibsan Dr Warquun kantiibaan magaalaa smart adama dhugoomsuu keessatti yaadamni isaanii akka dhugoomu ammas waan hundaanuu bulchiinsa magaalaa cinaa jirra jedhu.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee badhaasni argame kun hirmaannaa hawaasa magaalaa adaamaa hundaatti waan ta’eef galata qabdu jedhu.Iccitiin milka’iina badhaasaa hojiiwwaan bara 2015 tti karoorfannee kallattii karoorfannee fi hamma karoorfanneen hojjachuu keenyaan madaallii gaggeefameenii jedhu.

Itti aansuun obbo Hayiluun akka ibsanitti hojiin haala itti hogganamee fi kenni tajaajilaa hirmaachiisummaa hawaasaa xiyyeegfannaa keessaa galchuun yoo ta’u badhaasichaaf galtee olaanaan ‘smart adama’ irratti xiyyeeffaachuun waan ta’eef ummanni keenyaas akkuma kalleessaa nu cinaa dhaabachuu qaba jedhu.

Badhaasa itti aanuuf marii hawaasa waliin gochuun murteessaadha kan jedhan obbo Hayiluun boqonnaa qophiitiin karoora gahuumsa qabuu fi karoora adaamaa madaaluu danda’u akkasumas karoora rakkoo ummataa hiikuu baasuun hojjatamuu qaba jechuun karooricha hojiitti hiikuuf ummannii nuwaliin dhabachuu qaba jedhu.

Kan Gabaase Sisaay Isheetuu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *