Bulchiinsi magaalaa Adaamaa gamamaggama raawwii hojii paartii fi mootummaa bara 2015 fi boqonnaa qophii karoora bara 2016 caasaa hooggansaa sadarkaan jiru waliin gaggeessaa jira .

Waltajjii marii kana haasawaan kan saaqan kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee kaayyoon marii kanaa hoggansi sadarkaan jiru ciminootaa fi hanqinoota raawwii hojii bara 2015 adda baafachuun karoora xiiqii bara 2016’f galtee taasifachuun yeroo kamiyyuu caalaa cimee akka hojjatu gochuuf ta’uu himan.

waltajjii marii kana irratti gabaasni raawwiifi karoora hojii paartiifi mootummaa dhiyaatee irratti mari’atamaa jira.

Gaabaasaafi karoora kilaastara tajajilaa kan dhiyeessan itti aantuun kantiibaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Hinseene Muhaammed karoorri kun kan qophaa’e raawwii bara darbee kan haguugee fi Magaalaan Adaamaa gara rijiyoopoliitti erga guddatee booda gandoonni gara magaalattiitti makaman fedhiiwwan haaraa dhalataniif deebii kan kennu dha jedhan.

Akkasumaas karoora kan paartii bara 2015 kan dhiyeessan itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa, barri hojii dabarsine bara qormaatilee hedduu itti keessummeessineef milkaa’inootni hedduu kan itti galmaa’anidhas jedhan.

Boqonnaa qophii kana keesaatti humna magaalattiin qabduu sirriitti adda baasuun karoora wajjiraa, seelii hundee fi nama dhuunfaa qopheessuu, miseensi tokkoo gurmaa’insa alaa akka hintaanee taasisuu, gurmaa’insa sadarkaa hundatti bu’aa qabeessa godhu, xiinxala haala gaggeessuun yaada burqisiisuu irratti mariin ni gaggeffamaa jedhan .

waltajjicha irratti karoorri kilaastaraa Diinagdee kan bara 2016 itti aanaa kantiibaafi qindeessaan kilaastara diinagdee Obbo Mulaatu Dhibbaa bu’aa gama kilaastara dinagdee argameetti hojii dhabaa gara hojiitti deebisuu daldala gara teeknoolojiitti ceesisu, omishaa fi omishtummaa dabaluu keessatti raawwiin argame dansaadha, karoora bara 2016 irratti hojilee hanga amma hojjataman caalmaatti guddisuufbni hojjatama jedhan.

Waltajjiin marii kun guyyoota 2’f kan itti fufu ta’uu sagantaa baherraa hubachuun danda’ameera.
Saamiraawit Abbabaatu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *