Dhaabbatni Beekaas Keemikaals Damee Adaamaa Adeemsa Omishaa Keessatti Ce’umsa Teekinoolojii Fiduu fi Tajaajila Hawaasaarrattis Xiyyeeffannaan Hojjachaa Jiraachuu Beeksise.


Beekaas Keemikaals bara 1989tti kaappitaala ka’uumsaa qarshii kuma 100 fi kuma 50n qooddattoota aksiyoonaa torbaan hundeeffame jedhan dhaabbatichatti hoji-gaggeessaan damee Adaamaa obboo Salamoon Tsaggayee turtii ABS wajjiin taasisaniin.

Omisha saamunaawwan dhangala’aa fi shaamppoo gosa adda addaa Istuukkoo akkasumas kemikaala gara biraarratti hojjachuun ammarratti kaappitaala qarshii miliyoona kuma 100 fi miliyoona kuma 96rran gahuu fi dameelee omishaa magaalota adda addaa biyyattiirraa qabaachuu eeran.

Adeemsa hojii keessattis hojjattootnisaanii teekinoolojiitti akka madaqanii fi of gahoomsuun jijjiirama dhuunfaasaanii fi dhaabbatichaaf hojjatan sirni ce’uumsa teekinoolojii ifa ta’e diriiruun hojiirra oolfamuus kaasan.

Omishaaleen keenya kan alaa galan bakka bu’uun baasii sharafa alaa hambisuu maddiitti qaala’iinsa gabaa salphisuurratti gahee qabu kan jedhan obboo Salamoon gama tajaajila hawaasaatiinis dhaabbatnisaanii xiyyeeffannaa olaanaa kennee dalagaa jiraachuu kaasan.

Magaalaa Adaamaatti namoota naannoo Somaaleerraa buqqa’aniif manneen ijaaruu akkasumas bo’oo daddabarsa dhangala’aa magaalattii keessa jiran ququlleessuuf kan oolu qarshii miliyoona lama kennuu dubbatan.

Godina Arsii iddoo Leemmuu jedhamuttis mana barnootaa ijaaruun hawaasaaf gumaachuu himan obboo Salamoon.

Hojii babaldhisuu ijaarsa gamoo abbaa darbii sadihiitiin eegalame xumuruun omishaalee gosa biroos dabaluun hawaasa biraan ga’uun toraa xiyyeeffannoo gara fuula duraati jedhan.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *