Wajjirri galiiwwanii magaalaa Adaamaa bara baajataa 2015tti maddoota galii adda addaarraa galii qar.Bil.5 fi mil.175 galchuuf karoorfatee qar.Bil.5 fi mil 182 galchuu beeksise.

Waajjirichi raawwii hojii bara 2015 irratti addatti raadiyoo sagalee Adaamaaf ibsa kenneera.


Itti aanaan wajjira galiiwwanii bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Shifarraa Abbabaa yaadaa radiyoo sagalee Adaamaaf kennaniin bara 2015 akka magaalaa keenyaatti karooraa hiixata baafannee hojii hojjenneen milkaa’ina argannee jirra jedhan.

Bara kanas galiin walitti qabuuf karoorfanne qar. biiliyoona 5 fi miiliyoona 657 kuma 396 yoo ta’u qarshii biiliyoona 5 fi miliyoona100f miliyoona82fi kuma 800 f kuma83 fi 964 sassaabuun danda’amuu himuun kunis 100% keessa 100% ol karoora ol sassaabamuu himaan.

Maddi galii kanaas galii mana qopheessaa, galii idilee fi galii taaksii al kallattii kaneen akka vaatii,wizoldiingi fi k.k.f.ta’uu kan himan obbo Shifarraan naannoo mana qopheessaatti bulchinsi magaalaa nu gargaaruun kadaastara lafaan waal qabatee galiin guddaan argamuu himan.
Tooftaan galiin kun ittiin walitti qabames seekraroota gara garaa waliin qindaa’uun hojjechuu,odiitiirratti xiyyeeffachuun hojjechuu,oppireeshinii galii gaggeessuun ta’uu himan.

Akka ciminaatti hoggansi hundi cimee hojjechuu,tarsiimoon bocamee ittiin hojjetamuu,maddoota galii harca’ani hafan irratti xiyyeffachuun irratti hojetamuu ta’uu himuun bittaa fi gurgurtaa raawwatamu kamuu irratti nagahee kennuufi fudhachuurratti harcaatiin jiraachuun galii galuu qabu hunda duguuganii galchuu dhabuu akka hanqinaatti kaasan. Hanqinaalee kana galtee karoora bara 2016 godhachuun maqsaa deemnas jedhan.

Gabaasni kan Yordaanos Mokonnin.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *