Jilli Itti Aanaa Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Qaammee 4 guyyaa Omishtummaa Sababeeffachuun Pirojektoota Omishaa  bulchiinsa Magaalaa Adaamaa daawwataniiru.

Sagantaa daawwannaa kana irrattis afa yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan dabalatee hoggantoonni naannoo Oromiyaa olaanaa argamaniiru.

Guyyaa omishaa kana sababeeffachuun abban qabeenyaa qorqorroo Adaamaa Obbo Abdullaakim Mahammad dargaggoota hoji dhabdootaaf warshaa mismaaraa kennuun guyyaan kun nuuf guyyaa gammachuuti jedhan.

Dargaggoonni keenya gurmaa’anii dhufuun hojii eegaluu danda’u kan jedhan obbo Abdullaakim warshaan kenname qarshiin yoo tilmaamamu miliyoona 30 ta’uu himuun dhabbanni keenyas hojii omishaa irratti ciminaan kan itti fufudha jedhan.

Kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee wal harkaa fuudhinsa warshaa kana taasisuun dargaggoonni keenya dhufanii gurmaa’uun aadaa hojii xiqqaa irraa akka guddachuun danda’amu barumsa fudhachuun hojii eegaluun smart Adaamaa dhugoomsuu qabu jedhan.

Investmentiin biyya kamiyyuu kayyoo 4 milkeessuun isarra jiraata kan jedhan Obbo Hayiluun innis carraa hojii uumuu, omisha biyyaa alaatii galu bakka buusuu, omisha gara biyya ala erguu fi ce’umsa teknolojii ta’uu himuun warshaaleen magaalaa kana hunduu warshaa qorqorroo kana irraa fakkeenya fudhachuun dargaggootaaf carraa hojii uumuu qabu jechun ergaa isaani dabarfatan.

Itti aanaan pirezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii sagantaa kana irratti argamuun akka jedhanitti qaammeen 4 guyyaa omishaa ta’ee yeroo kabajamu akka mootummaa naannoo oromiyaatti biyyi keenya jijjiirama bu’uraa fiduun addunyaaf fakkeenya akka taatuuf ta’uu himuun duraan qamadii alaa galchaa kan turre yeroo ammaa kana omishaa jirra kun ammo cimee itti fufaa jedhan.

Omishaa fi omishtummaa keenya ganna qofa omishuu osoo hin taane bonas yeroo 2 fi isaa ol omishuu irratti xiyyeeffachuu qabna kan jedhan obbo Awwaluun qonnaa qofa oso hin taane industirii fi taajaajila irrattis xiyyeeffachuun warshaaleen keenya hojii guddaa agarsiisaa jiru jedhan.

Warshaan qorqorroo Adaamaa hojii guddaa hojjechaa jiraachuus himuun inisheetiivii Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhuun ammaan booda waan baay’ee ala irra bituun hafee asumatti omishuun kan nurraa hafe ammo alatti erguuf qaamni hunduu tumsuu qaba jedhan.

Qaamoleen daawwannaa kana irratti argamanis waan arganitti gammaduu isaanii himan.
Gaabasni kan Yordaanos Mokonnin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *