Baayyina Miseensota Mana Marichaa Dabale Faana Tajaajila Dhaqqabamaa fi Ammayyaa’aa Kennuuf akka Hojjatu Manni Marii Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Adaamaa Beeksise.

Bara 1965 miseensota hagoon kan hundeeffame manni marii daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Adaamaa turtii waggoota shantamaa keessatti Miseensotni isaa kuma 29tti siiqaniiru.

Tajaajila leenjii dandeettii cimsuu fi mootummaa fi daldaltoota gidduutti akka riqichaatti tajaajiluu akkasumas kan biroo ergama taasifachuun hojiilee waggoota dabran raawwateen bu’aalee hedduu galmeessisuun hundeeffamasaa waggaa 50ffaa sagantaa agarsiisaa fi baazaarii daldalaatiin kabajaa jira.

Agarsiisicharratti daladalatootaa fi fayyadamatootni hirmaatan manni marichaa ayyaana hundeeffamasaa Waggaa 50ffaa sababeeffachuun kana qopheessuun waan gaariidha jedhan.

Waggoota itti aanan keessattis caalatti hojiilee faayidaa miseensota isaa eegsisanii fi jijjiirama biyyaaf gumaachan ni raawwataa akka abdatan eeran.

Pirezidaantiin mana marii daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Adaamaa obboo Bayyanaa Toleeraa gama isaaniitiin agasriisaa fi baazaarii daldalaa kanaan daldaltootni hariiroo isaanii akka cimsatan akkasumas ce’uumsa terkinoolojii fi ogummaa akka uummamu taasisuun danada’ameera jedhan.

Hunda caala immoo rakkoo qaalayiinsa gabaa muldhatu salphisuuf meeshaalee bu’uuraa hawaasni gatii madaalawaan filannoo hedduutti akka argatu sagantichi gargaaruu ibisan.

Manni marichaa kabaja Waggaa 50 hundeeffamasaa sagantaa adda addaan gaggeessaa jiru booda xiinxala sochii yeroo darbee taasisuun tajaajila yeroo fi baayyina miseensota mana marichaa madaalu kennuuf ni hojjata jedhan.

Tajaajiloota kanniin keessaa leenjii dandeettii cimsuu kennuun tokko ta’uu kan eeran obboo Bayyanaan daldaltootni keenya biyya keessatti qofa osoo hin daangofne daldala biyyoota birootti ce’urrattis akka hirmaataniif ni hojjatama jechuun dubbatu.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *