Manni Maree Bulchinsa Magaalaa Adaamaa Qaammee 5 Guyyaa Dhalootaa sababeeffachuun barattoota maatii harka qalleeyyiif daggersa meeshaalee barnootaa taasise.

Sagantaa deeggarsaa kanarratti haasawaa baniinsaa kan taasisan Afyaa’iin mana maree Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aadde Immebet Jibbaa akka mana maree magaalattiin deeggarsi kun godhamuun isaa  dhaloota haaraa ijaaruu keessatti manni maricha gahee irraa eegamu akka bahu ni taasisa jedhan .

Qaammee 5 guyyaa dhalootaa sababeeffachuun deeggarsi godhame kun maatii barattoota hedduu afuura baafachisa. kanaaf deeggarsi kun yeroo yeroon ni godhamaa asirratti kan dhabbatu miti jedhan.

Deeggarsi kenname kun gumaacha qaamoleen addaa addaa taasisan ta’uu himuun, kanaafis galateeffataniiru.

Itti Gaafatamtuun waajjira dhimma dubartootaaf daa’immanii magaalaa Adaamaa Aadde Ra’isaa Junaayidii
dhaloota baratetu biyyaafi uummataaf ta’a waan ta’eef ijoolleen umuriin isaanii barnootaaf gahe sababa dhabinsa meeshaa barnootaatiin barnoota irraa akka hin hafneef deeggaruun waan jajjabeeffamuu qabu dha jedhan.

Akkasumas barattoonni deeggarsi isiniif godhame immoo barumsa keessanitti cimtanii galmaa fi mul’ataa biyyattiin fi magaalli keenya qabatte dhugoomsuu qabdu jedhan.

keessummaa kabajaa ta’uun saganticha irratti kan argaman itti gaafatamtuun ijaarsa paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa Aadde Amiinaa Inkush saganticha irratti argamun mannii marichaa deeggarsa kana taasisuu isaaf galateeffatan.

Barattoonni deeggarsi taasifameef gama isaanitiin meeshaalee barnootaa argataniin gammaduu isaanii himuun carraa argatanitti fayyadamuun barnoota isaanii irratti akka ciman dubbatan.
Saamiraawit Abbabaatu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *