Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Guyyaan dhalootaa,  ljoollee Maatii Harka qalleeyyiitiif Kennaa Meeshaalee barnootaa kennuun Kabajamee oole.

Sagantaan kun Mata duree Tokkummaan  dhaloota egeree haa ijaarru jechuun kan kabajame yoo ta’u ,sagantaa Kennaa meeshaalee Barnootaa Kanarratti  Hoggantoonni ol’aanooon Magaalaa Adaamaa fi Dhaabbata Itiyoo teelee koom, Abbootiin Gadaa akkasumas maatiin Barattootaa argamaniiru

Itti gaafatamaan waajjira Barnootaa Magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii sagantaa kanarratti argamuun akka jedhanitti Barnoonni waan hunda,kana malees barnoonni lammiii boru biyya ijaaruu qaree baasa waan ta’eef dhaloota  immoo barnootaan ceesisuun utubuu  dirqama tokko tokkoo keenyaa ta’a jedhan.

Itti dabaluun  akka magaaalaa Adaamaatti hojiiwwan babal’aan heddu hojjatamuu kaasuun cinaattis Obbo Bariisoon Hawaasa hirmaachisuun immoo manneen barnootaa bu’uura  boruu  tokko qarshii miliyoona shanii oliin ol ijaaranii tajaajilaaf banaa akka taasisanis dubbatan.

Gama birootiin  Obbo Bariisoon manneen barnootaa suphuufi  hojiin haromsuus kan hojjatame  ta’uu ibsanii,qaalayiinsa jireenyaa   barsiisotaa hir’isuufi barsiisonni  akka hin rakkanneef, manneen jireenyaa gatii xiqqaan jiraatuu danda’an haala mijeessuus kaasan .

Guyyaa har’aa guyyaa dhalootaa  sababeeffachuun barattoota maatii harka qalleeyyiif dabtara darzana kuma 9fi dhibbi 500akkasumas qalamaafi boorsaan deeggarsa abbootii qabeenyaa fi manneen hojii birootiin argame kan qarshii miliyoona 62 fi kuma 100fi kuma 50olitti tilmaamamu barattoota  maatii harka qalleeyyii 9500oliif walitti qabamee kennamuufi himaniiru Obbo Bariisoon.

Darektarri dhaabbata Itiyoo Teeleekoom distriktiii Adaamaa riijinii Kibba  Bahaa  Haftaamuu Maannayyee sagantaa kanarratti argamuun akka jedhanitti Hojiiwwan babal’aan akka dhaabbata isaaniitti barnootaan deeggaramee hojjatamuu  himanii,barnoonni  immoo waa hundaaf ,waan hundaan  lammii bira akka gahuuf hojiiwwan babal’aan dhaloota egeree barnootaan ceesisuu   ammas hojjatamaa jira jedhan.

Kana malees dijitaal laaybararii zooniiwwan arfan qaban irratti hoojjachuufi Magaalaa Adaamaattis barattootni akka itti tajaajilamaa jiran kaasuun ammas deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisuu himan darektarri dhaabbatichaa kun.

Itti gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhinaa Magaala Adaamaa Obbo Soorechaa Asfaawu saganicharratti argamuun akka dubbatanitti akkuma kanaan dura hojjjataa turree bara haaraa kanas kan duraa caalaa hojjachuun imala keenya  milkeessuu qabna jedhanii keessattuu dhaloota boruu biyya dhaalu kanneen barnootaan ijaarree ceesisuun karoora xiiqii gama hundaan qabanne kutannoon galmaan gahuu qabna jedhan.

Kanaaf jedhan Obbo soorechaan  ergaa isaaniitiin  hojiifi imaanaa nutti kenname tokko taanee wal tumsuun waan  eegalle itti fufiinsaan haaceesifnuu  jechuun dhaaman.

Barattoonni harka qalleeyyii yoo deeggarsi  meeshaa barnootaa taasifamuuf ABS dubbise tokko tokkos gama isaaniitiin  deeggarsa kennameefitti gammaduu himanii barnoota isaaniitti immoo cimanii akka baratan dubbatuu.
Madiinaa Jaarsootu Gabbase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *