Yunivarsitiin Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaa Meeshaalee Barnootaa Qarshii Kuma 400 olitti Tilmaaman Barattoota Harka Qalleeyyiif Gumaache.


Yunivarsitichi kan gumaache Boorsaa,dabtara,qalama akkasumas irsaasii yoo ta’u qarshii kuma 430 akka baasanis Pirezidaantii Ittaanaan dhimmoota Qorannoo,Ce’uumsa Teeknoolojii fi Tajaajila Hawaasaa yunivarsitichaa doktar Alamuu Disaasaa ibsaniiru.

Magaalaa Adaamaa Aanaa Hangaatutti kan argamu mana barnootaa misoomaa ummataatti kan baratan barattoota 200 oliif deeggarsichi taasifameera.

Deeggarsichas pirezidaantiin Yunivarsitii Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaa doktar Lammii Guutaa barattootaa fi hundeessituu mana barnootichaa addee Jabbaa Taliilaatti kennaniiru.

Yunivarsitichi hoji tajaajila hawaasaatiin keessattuu dhaloota beekkumsaan gahoome horachuuf mana barnootaa Magaalaa dodolaatti ijaarame deeggarsa guutuun hojiitti galchuu,Adaamaattimmoo mana barnootaa addaa sadarkaa 2ffaa akkasumas mana barnoota hawaasaa yunivarsiticha keessatti hundeessuun barsiisaa jira jedhan.

Mana barnootaa misoomaa ummataa aanaa Hangaatuutti argamu kanas sadarkaa sadarkaa foyyessuuf ijaarsa dareerratti Yunivarsitichi karoorfachuu kan ibsan doktar Lammiin hangasiif immoo deeggarsa teessoo fi kan biroos mana barnootichaaf taasifamuu eeran.

Hundeesiituun mana barnootichaa addee Jabbaa Taliilaa fi maatiin barattootaa deeggarsa taasifameefis yunivarsiticha galateeffachuun eebbisaniiru.

Deeggarsichi barattoota faawundeeshinii Wagaayyoo Deettiin gargaaramanii barataniifis kennameera.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *