Magaalaa Adaamaa Kutaa magaalaa Daabee bakka addaa keellaa kurfaa jedhamutti meeshaaleen kontroobaandii gara garaa to’annoo jala oolaniiru.

Daldala Kontroobaandii gufuu guddina biyyaa ta’e ittisuuf akkasumas olaantummaa seeraa kabachiisuuf sochii qaamoleen nageenyaa kutaa magaalaa Daabee sakatta’iinsaan taasisaa jiraniin yeroo gara garaatti meeshaalee kontroobaandii hedduu to’annoo jala oolchaa jiru.

Gaafa guyyaa fulbaana 1, bara 2016 tilmaamaan halkan keessaa saatii 11:30 irratti konkolaataan lakkoofsi gabatee isaa 88369 ET ta’e ka’umsa isaa Awaashirraa gara magaalaa Finfinneetti imalaa jiru, meeshaalee kontroobaandii kan akka uffata Boondaa, Qoricha, meeshaalee Elektrooniksii fi araada garagaraa waliin kutaa magaalaa Daabee keellaa kurfaa irratti to’annoo jala oole.Meeshaaleen kunnis qarshii miiliyoona kudha tokkoo fi Kuma dhibbaa sadii fi Kumaa torbaaf dhibba saddeetif afurtamattti tilmaamamu.

Itti gaafatamaan waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa kutaa magaalaa Daabee Obbo Fayyisaa Lammii meeshaaleen kontrobaandii kunneen qindoomina uummataa, qaamoleen nageenyaa fi tika biyyaalessaa waliin ta’uun sakattaa taasifameen to’annoo jala kan ooledha jedhan.

Kana malees torban tokkoon dura meeshaaleen Elektrooniksii kan akka mobaayilaa baay’inni isaa 509 ta’e kan qarshii miiliyoona sagaliif kuma dhibba sadii fi kuma jaha (9,306,00)tti shallagamu shakkamtoota sadii waliin to’annoo jala ooluu himan.

Hawaasnis hojiilee qindoominaan qaamolee nageenyaa waliin ta’ee hojjachaa jiru itti fufsiisuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira Poolisii kutaa magaalaa Daabee Komaandar Salamoon Nugusee gamasaaniin meeshaaleen komtroobaandiin kunneen karaa seeraan alaan sanada sobaa isaaniif qophaa’een dogoggorsiisaniif darbuuf wayita yaalanitti to’atamuu himan.

Kontroobaandiin diinagdee biyyaa quucarsu keessatti gaheen isaa olaanaadha waan ta’eef qaamni daldala kana keessatti hirmaatu hojii akkanaa irraa akka of qusachuu qabu ergaa dabarsaniiru.

Boonaa Tasfaayeetu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *