Bulchiinsaa magaalaa Adaamaatti koonfiransiin  nageenyaa fi inisheetiivii fayyadamummaa diinagdee dubartootaa mirkaneessu gaggeeffame.

Saganticharratti hogganttoonni magaalaa Adaamaa,keessummoonni waamichi taasifameef Haadholiin siinqee akkasumas dubartoonni sadarkaalee adda addaa irra jiran hirmaataniiru.

Nageenyaafi hirmaannaa dubartootaa malee waa’ee guddinaa biyyaafi misoomaa yaaduun gonkumaa hin danda’amu. Kanaaf dubartoota gama diinagdeefi jireenya dhuunfaa akkasumas hirmaannaa siyaasaan akka cimaan taasisuun murteessaadha.

Itti gaafatamtuun waajjira dhimma dubartootaafi daa’immanii bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Ra’isaa Juneyidiin akka jedhanitti dubarttoonni  gootota nageenyaafi misoomaati, Goototaa raayyaa ittisaa biyyaafi galaa gootaa qopheessuu,hidha guddichaa haaroomsa Itiyoophiyaa galmaan gahuuf gahee keessan bahuun hojiii boonsaa hojjechaa turu kaasan.

keessummaa Kabaja ta’uun saganticharratti Kan argamaniifi ergaa Kan dabarsan Itti Gaafatamaa siyaasaa paartii Badhaadhinaa bulchiinsaa magaalaa Adaamaa obbo Soorechaa Asffaa Bara 2015 gaggeessine Bara 2016 yeroo simannuu Harkaa Qalleeyyiif deeggarsa taasisuu fi Wal bira dhaabachuun waan hojjenef milkaa’uu dandeenyeera,
dubartiin Haadha ilmaafi biyyaatii dubarttootaan alaa wantii galmaan gahuu hin jiruu waan taheef Wal hirmaachisuun gamtaan hojjechuu qaban jedhan .

Af-yaa’iin mana maree bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aadde Immabet Jibbaa Akka jedhanitti Bara 2016 karoora xiiqii galmaan gahuuf marii nageenya asitti gaggeessine sadarkaa aanaalee hundaatti Wal hubachiisuun murteessaadha jedhan.

Dabalataanis namoonni uummata birattii dhaggeetti qabdan dhimma nageenyaa fi guutinsa bishaanii hidha haaromsa guddicha irratti akkuma kanaan dura hirmaachaa turtan ammas hirmaachuu qabdu jedhaniiru.

Barreeffama gabaabaa mariif ta’u Kan dhiyeessan qindeessituu garee ragaa fi istaatiksii waajjira milishaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Hamaanee Kadiir rakkooleen nageenyaa yoo uumame miidhaan dubartootaa fi daa’imman, akkasumas Jaarsaa fi jaartii hubuu danda’a waan ta’eef adda durummaan irratti hojjechuu qabna jedhan.

Dabalataanis magaalaa Adaamaa keessa sabaa fi sab_lammoota hedduuti jira waan ta’eef caasaaleen nageenyaa kanneen akka poolisii, tajaajila poolisii hawaasaa, gurmaa’insi gaachana sirnaa halkanii fi guyyaa qindoominaan hojjechuu qabu jedhan barreeffamicha keessatti.

Hirmaattootni saganticha irratti hirmaatanis uummata Oromoo sirna gaggeessaa jiruu fi sabaa fi sab_lammoota biyya kanaa walitti buusuuf qaamoonni sochii taasisan ni jiru waan ta’eef nageenya irratti hojjechuu qabna jedhan.

Dubartii barsiisuun uummata barsiisuudha Isa jedhu dhugoomsuuf karoora xiiqii galmaan gahuuf Wal hubachiisuun hojjechuu, akkasumas baankii siinqee keessatti qusannoo taasisuun barbaachisaadha jedhan.

Itti gaafatamtuun damee ijaarsa paartii Badhaadhinaa fi bakka buutuun caffee mootummaa naannoo Oromiyaa Aadde Amiinaa Inkuush nageenyaan Wal qabatee fuulduraa keenya ayyaana Masqalaa fi Irreechaatuu  kabajama waan ta’eef hundi keenya  nageenya irratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabna jedhan.

Carraa gaggeessummaa fi biyya bulchuu Kan arganne dhiiga gootota keenyaatiin waan ta’eef hundi keenya itti fufsiisuu, akkasumas mana yeroo kireessinu eenyummaa namootaas adda baasuuf qabna jedhan.itti dabaluunis ammaan booda miindaan hojjettoota mootummaa karaa Baankii siinqeetiin kaffalama waan ta’eef, Baankii siinqee keessatti miseensa ta’uu fi warreen dinagdee gurguddoo sochoosaa jirtan baankii siinqee keessatti qusachuu qabdu jechuun waamicha dhiyeessan.
Xibabuu Hordofaatu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *