Gareen fayyaa kubbaa miilaa Tokkummaa Adaamaa fi Jaalala Adaamaa waliin ta’uun mana barnootaa Gadaa Robalee sadarkaa tokkooffaaf  meeshaalee barnootaa gumaachan.

**Manni barnoota Gadaa Roobalee sadarkaa tokkoffaa  dhaabbilee mootummaa, miti-mootummaa fi tola ooltotaa hirmaachisuun barattoota maatii harka qalleeyyii ta’aniif meeshaalee barnootaa dabtara,qalama, korojoo  fi uffata serraa kennaafi ture,ammas Kennaa jira.

Dura bu’aan mana barnootaa Gadaa Roobalee sadarkaa 1ffaa Barsiisaa Mindaa Raggaasaa manni barnootichaa erga hundeeffamee Kaasee hayyoota hedduu biyya kanaaf kan gumaache ta’uu ibsanii yeroo ammaas manni barnootichaa barattoota hedduu simachuun  hojii baruu fi barsiisuu gaggeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka mana barnootaa isaaniitti barattootni maatii harka qalleeyyi ta’aniif dhaabbilee mootummaa fi tolaooltota hirmaachiisuun meeshaalee barnootaa  akka argatan gochaa kan turan akka ta’e kaasanii guyyaa har’aas gareen fayyaa kubbaa miilaa Tokkummaa Adaamaa fi Jaalala Adaamaa mana barnootaaf meeshaalee barnootaa dabtara darzana 70 kan arjoomaniif ta’u ibsaniiru. Deggarsa taasifameef galateeffachuun,
tajaajila lammummaan barattoota harka qalleeyyii deeggaruuf hojiin hedduun hojjetamaa jira jedhan.

Miseensonni garee fayyaa Tokkummaa Adaamaa fi Jaalala Adaamaa kunneen gama isaaniitin kubbaa miilaa taphachuun cinatti hojiilee tajaajila lammummaa adda addaa irratti hirmaachuun gahee lammummaa isaanii bahachaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.

Barattoota maatii harka qalleeyyii barnoota isaanii itti fufsiisuu hin dandeenyeef deggarsi kun bakka gudda qaba jedhanii fuulaa durattis Mana barnootichaa cina kan dhaabbatan ta’uu dubbatu.

Maatiin barattootaa deeggarsi taasifameefis deggarsicha argachuu isaaniitti kan gammadan ta’uu yaada isaanii Raadiyoo ABS’f kennan.
Gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *