Deeggarsichi dhaadannoo ”dabtara darzana tokko barataa tokkoof teeknoolojii gaarummaaf”jedhuun deeggarsa meeshaalee barnootaa walitti qabaa ture bakka angaa’onni ol’aannoo federaalawaa,
naannoofi kutaaleen hawaasaa argamanitti barattoota maatii harka qalleeyyiif dabarsee kenneera.
Daayireektara ol’aanaan Dhaabbata sagalee dargaggoota Itoophiyaa obbo Yooseef Abarraa haasawaa baniinsaa taasisaniin dargaggoonni biyyi anaaf maal gooterraa ani biyyaaf maal godhe jechuun dabtaroota darazana 200 ol ta’u barattootta maatii harka qalleeyyii 200 ta’aniif qarshii kuma 200tti shallagamu taasiifamuu ibsuun, qaamni hunduu nu cinaa dhaabbaachuu qaba jedhan.
Ministeera nageenyaatti daayireekitoreetii daayireekitara tajaajila hojii tola ooltummaa obbo Tasfaayee Mul’ataa gaaruummaan ofiif, gaaruummaa hojjachuun immoo boqonnaa sammuu namaaf kenna waan ta’eef hojii eebbifamaadha.
Kanaafuu,dhaloota ceesiisuuf dhaabbatni sagalee dargaggoota Ityoophiyaa kalaqa sammuu taasiisuun hojii hojjataniif galata qaban ibsuun hojii isaanii deeggaruu fi cinaa dhaabachuun deeggarsa nurraa eegamus gumaachuu fi nageenya eegsisuus qabna jedhan.
Itti gaafatamaan waajjiira federeeshinii dargaggoota Itoophiyaa obbo Muddiin Ahimad gama isaaniitiin warreen deeggarsa kana keessatti gahee isaanii taphataniif galata galchuun bifa itti fufiinsa qabuun kan hojjannudha jedhan.
Ministeera Barnootaatti hogannaan deeskii tajaajila madaallii fi gahumsaa
Dr.Indaalaa Geetaachoo saganticha irratti argamuun kallattii kennaniin hojii tola ooltummaa hojjachuun dur abbootii keenya irraa kan dhufe waan ta’eef namni kamuu iddoo jirutti nama rakkate gargaaruu qaba jedhan.
Kanaafuu barnoonni guddina biyya tokkoof bu’uura waan ta’eef dhaloota barsiisuuf tumsa hunda keenyaati jedhan.
Maatiin barattoota harka qalleeyyii deeggarsi taasifameef tokko tokko dhaabbata deeggarsa isaaniif taasise galateeffachaa,yeroo qaala’iinsi gabaa uumamee jiru kanatti barattootani keenya meeshaalee barnootaa argachuun isaanii yaaddoo tokko malee ijjoollee keenya akka barsiifannu nu taasisee jira jechuun yaada isaanii ibsatan.
Sisaay Isheetuu tu Gabaase.