Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa sirna Barnoota haaraa irratti hoggantoota manneen barnootaa magaalichaaf Leenjii hubannoo cimsuu Kenne.

Bu’uurri waan hundaa barnoota.Ministeerri barnootaas qulqullina barnootaa galmaan ga’uuf jecha yeroo gara yerootti sirna barnootaa ni haaressa.Bara kanas sirna barnoota haaraa eegaluuf kan jiru yoo ta’u waajjirri barnootaa magaalaa Adaamaas isa kana bu’uura taasifachuun hogantoota manneen barnootaa magalicha keessa jiraniif leenjii kenne.

Barbaachisummaa leenjii kanaa kan kaasan itti gaafatamaan waajjira barnootaa magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii xiyyeeffannaan mootummaa keenyaa qulqullina barnootaa irratti hojjechuu waan ta’eef sirna barnootaa haaraa uumuun lammii cimaa fi beekumsa gahaa qabu ijaruuf hojjechaa jira jedhan.

Barnoonni dursa waan hundaati kan jedhan Obbo Bariisoon nageenya biyyaaf akkasumas diinagdee biyyaaf isa ijoodha jechuun sirni barnootaa duraan ture qorannoon irratti gaggeeffamee hanqinni hedduun waan mul’ateef sirni barnootaa haaraa bara kana irraa kaasee hojii irraa waan ooluuf hoggantoonni hundi qulqullina barnootaa kana galmaan ga’uuf cimtanii hojjechuu qabdu jedhan.

Abbaan adeemsaa sirna barnootaa waajjira barnoota magaalaa Adaamaa Obbo Abbuu Daaddee barreeffama leenjii dhiyyeessan keessatti qulqullina barnootaa keessatti sirni baruu fi barsiisuu haga ammaatti ture gad bu’aadha. Teknoloojii deeggaru irratti hanqina qaba jechuun jijjiiramni dhufe kun waa uumuu irratti akkasumas barnoota safuu barsiisuun safeeffannaan hawaasa keessatti akka babal’atu taasisuuf ta’uu himan.

Hoggantoonni leenjii kana irratti argamaan yaada addatti raadiyoo ABS’f kennaniin leenjiin kun qulqullina barnootaa galmaan ga’uuf murteessaa ta’uu himuun sirna barnoota haaraa kanaas mana barnoota isaaniitti yeroo deebi’an qulqullinaan kan irratti hojjetan ta’uu dubbatan.

Ammuma irraa jalqabnee barattoota kutaa gad aanaa irraa jiran dubbisuu fi barreessuu akkasumas shallaguu irratti ni xiyyeeffannaa kan jedhan hoggantoonni kunneen hawaasni hundi hojii barnootaa deeggaruun ijoollee isaanii mana barnootaa  erguu qofa osoo hin taane manattis haalaan qayyabachiisuu akka qabaan ergaa dabarsaniiru.

Torban kun torban barnoota jedhamee kan kabajamu yoo ta’u barnoonni bara kanaas fulbaana 14/2016 irraa kan eegalu ta’uun himameera.
Gabaasni kan Yordaanos Mokonnin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *