Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti waajjirri daldalaa Kutaa Magaalaa Daabee Daldaltoota misooma daldalaan Leenjisaa ture eebbisiise.

Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti waajjirri daldalaa Kutaa Magaalaa Daabee Daldaltoota misooma daldalaan Leenjisaa ture eebbisiise.

Daldalli utubduu Biyyaa tokkoo fi karaalee jijjiiramaa itti hawwaasni tokko jireenya mataa isaa ittiin geddaratuudha.haaluma kanaan waajjirri Daldalaa Kutaa Magaalaa Daabee Leenjii Tajaajila Misoomaa daldala Marsaa 1ffaa bara 2016 kennamaa ture keessatti karaa guutuu ta’een leenjicha fudhatanii xumuraniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira daldalaa Kutaa  Magaalaa Daabee Obbo Biraanuu Adimaasuu haasa Baga nagaan dhuftanii taasisuun akka jedhanitti ,leenjiin Kun ji’a saadiif kennamaa kan ture yommuu ta’u, guyyaan har’aa guyyaa  eebbaati jedhan .guyyaan eebbaa Kun immoo tajaajila Misooma daldalaa kan jedhamu Kun daldalaan akkamitti akka jiruusaa foyyessu danda’u fi karaa kamiin immoo Misooma keessatti hirmaachuu akka danda’u mirgaa fi dirqama isaa sadarkaa Kutaa Magaalichaati hanga Aanaa jiru akka itti dinagdeedhaam dagaagu danda’u kan hubachiisuu fi barsiisuudha jedhan.

Ogeessi Waajjira daldala Kutaa Magaalaa Daabee Obbo Abdii Yaasiin akka dubbatanitti , Kaayyoon leenji kana inni guddaan tarsimoowwan fi imaammata  Mootummaan baasee irratti hundaa’uudhaan kan Leenjii kennaa turre paakeejji nuti  akka Waajjira daldalaatti qabnu keessaa inni ijoofi angafaa leenjiidha.kanaafuu  daldalaan kamiyyuu leenji’ee herrega isaa seeraan qabachuu akkasumas dinagdee isaa guddisuuf kan fayyaduudha jchuun dubbatan.

Daldaltoonni Leenjii fudhachaa turan tokko tokkos akka jedhanitti ,carraa kana argannee itti fayyadamuun keenya nutti toleera jedhan. akkasumas gahumsaa fi dandeetti Daldalaa horanne kanaanis daldala  keenya haala gaariin itti fufuu akka dandeenyuuf hubannoo cimaa arganneerra jedhan.
Amaanu’eel Daggafaatu Gabaase .

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *