Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaatti juraattotni Aanaa Dagaagaa karoora hojii inisheetiivootaa aanichi qabatee hojjechaa jiru milkeessuuf kan tumsan ta’uu jiraatonni aanichaa tokko tokko dubbatan.

Bulchiinsi aanichaa gama isaatiin hojiilee fayyadamummaa uummataa mirkaneessan irratti cichee hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
*****************

Inisheetiiviiwwan qonna magaalaatiif mootummaan xiyyeeffannoo guddaa itti kennee hojjetamaa Kan  jirudha. Inisheetiiviiwwan kanneen keessaa horsiisa lukkuu, oomisha Aannanii , Damma , furdisa loonii, oomisha abukaadoo fi kanneen biroo yoo ta’u inisheetiiviiwwan kunneenis fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf karoorfamee kan hojjetamaa jirudha .

Akka Aanaa Dagaagaattis inisheetiiviiwwan qonna magaalaa mootummaan akka hojjetamaniif gadi buuse irratti hojjetamaa jira.

Jiraattotni Aanaa Dagaagaa ABS dubbise tokko tokkos akka jedhanitti hojiileen inisheetiivii eegalaman kun kan abdii gara fulduraa namatti horudha.Aadaa hojii babal’isuun hojii dhabdoota gurmeessanii hojiitti galachuun    eeggatummaa jalaa bahuun namni of danda’ee akka jiraatuuf carraa guuddaa uumee jira jedhan.

Akkasumas inisheetiiviiwwaan eegalaman kana irraa bu’aan argaman diinagdee biyyaa kan guddisuu fi  qaala’insa jireenyaa mala ittin tasgabbeessuun danda’amu dha, kanaafuu hojiilee eegalaman kana itti fufsiisuun ga’ee hunda keenyaati jedhan .

Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Dagaagaa obbo Habtaamuu Gizaw akka jedhanitti akka aanaa aanichaatti hojii inisheetiivii qabaman galmaan ga’uuf hojiin bal’aan  hojjetamee jira jechuun, karoora inisheetiivii bara kana qabanne hojiitti seenne kanneen akka horsiisa lukkuu , bakka tursiisa daa’immanii , oomisha abukaadoo, oomisha dammaa , oomisha Aannanii, horsiisa booyyee fi kanneen birooti jedhan.

Itti dabaluunis akka aanaa keenyaatti hirmaannaa hawaasaa fi Abbootii qabeenyaa tiin sheediwwan garaa garaa ijaaramaniiru jechuun,  Keessattuu gama horsiisa lukkuutiin sheediwwan 3 hirmaannaa uummataan ijaaramanii xummuramuun yeroo ammaa kana sheediwwan 2’tti lukkuun 4000 galanii jirus jedhan.

Xummura irratti hojiilee eegalaman kana  caalmaatti milkeessuu fi qindoominaan hojjechuun fayyadamummaa  hawaasa keenyaa dhugoomsuuf hiyyummaatti nagaa dhaamuu qabna jedhan obbo Habtaamuun.

Gabaasni Kan Hawweeraa Fiqaaduuti

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *