magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Daabeetti manni murtii aadaa Aanaa Caffee maatii waggoota 20 oliif waldhabee ture  araarse.

Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Daabee Aanaa caffee keessa kan jiraatan abbaa manaa obbo Huseen Ahimad fi haadha warraa isaanii kan ta’an Aadde Rahimaa Turee gaa’ela ijaarrachuun maatii ijoollee 6 horatanii jiraachaa turan guyyaa tokko akka tasaa waldhabuun waggoota 20 oliif gargar bahanii jiraachaa turan.

Maatii kana yeroo gara garaattis maanguddoonni ,abbootii amantaafi maatiin firoota isaanii  araarsuuf yaalaa turanis osoo hin milkaa’iin turee jira.

Yeroo ammaa kana waldhabdeen obbo Huseen Ahimad fi haadha warraa isaanii addee Rahimaa Turee isaan gidduutti waggoota dheeraaf uumamee ture kunis  tumsa maatii ijoollee ,abbootii Gadaa fi Haadholii siinqeen karaa mana murtii aadaa Aanaa caffeetiin  araarri buhee jira.

Sirni sagantaa araaraa mana murtii aadaa Aanaa caffeetti gaggeeffame kunis akkuma aadaa fi dudhaa Oromoo eebba Abbootii Gadaatiin eegalame.

Abbootiin Gadaa fi haadholiin siinqee Aanaa Caffee akka jedhanitti akkuma duudhaa sirna gadaa kan ta’e mana murtii aadaa keenyaatiin maatii waggoota 20 ol waldhaban araarsuun eebbisnee gara mana isaanitti galchuu dandenyee jirra jedhan. 

kana malees Mana murtii aadaatiin dhimmoota mana murtii idileetin galmee adda addaa  furmaata hin arganne bara 2016 kanatti galmeewwan 11 kurmaana 1ffaa kanatti  ilaaluun araaraan dhimmi waldhabdee isaanii akka hiikamu taasisuu ibsan.

Walitti qabaan Gumii abbootti Gadaa Godina Shawaa Bahaa Abbaa Gadaa Rattaa’ee Booruu akka jedhanitti sirna gadaa keessaa kan burqe manni murtii aadaa dhimmoota waldhabdee gara garaa hiikuun hojiin nama boonsu dhaloota jajjabbeessu hojjatamaa jiru kun cimee kan itti fufu ta’uu ibsan.

Maatiin araaraman kun  akka jedhanitti walitti bu’iinsarraa wantii argamu akka hin jirre ibsuun waliigalanii maatii ofii waliin jaalalaa fi waldanda’uun dabarsuun rakkoon jiraatuus obsaa fi tasgabbiin waliigalanii jireenya isaanii gaggeessuun barbaachiisaa ta’uu dhaamuun abbootii Gadaa fi haadholii siinqee galateeffatan.

Maatiin ijoollee obbo Huseen Ahimad fi Rahimaa Turee ABS f yaada kennanitti sababa walitti bu’iinsa abbaa fi haadha isaan gidduutti uumameen waggoota 20 oliif ture rakkoo guddaaf saaxilamoo ta’uu isaanii  ibsuun mana murtii aadaatiin  araaramusaanitti gammachuu guddaatu nutti dhagahamee jira ni galateeffanna jedhan.

Pirazidaantiin mana murtii Aanaa  kutaa magaalaa Daabee obbo Taliilaa  Nuree akka jedhanitti Mootummaan xiyyeefannaa mana murtii aadaatiif kennee caffeen labsamee hojiitti galamee kaasee dhimmoota mana murtii idileen furmaata dhabee dhokatee ture sadarkaa mana murtii aadaatiin fala argachaa waan jiruuf  duudhaa keenya kana cimsinee deeggeruun itti fufsiisuu qabna jedhan.

Waajjira Aadaa fi Turizimii bulchiinsa magaalaa Adaamaatti dursaan garee aadaa obbo Shuumii Butunaa akka jedhanitti hawaasa waldhabee karaa aadaatiin barsiisuu fi murtii itti kennuun akka magaalichaatti manneen murtii aadaa hunda irratti hojiin boonsaa ta’e hojjatamaa jiraachuu ibsuun maatii walitti bu’uun waggoota dheeraa lakkoofsisan mana murtii aadaa Aanaa caffeetti araaramuu danda’uusaanii fakkeenya guddaa ta’e manneen murtii aadaa qabnu hunda deeggeruun jajjabeessaa jirra jedhan.
Taayyee Abarraatu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *