Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Guyyaan Ayyaana Daa’imman Addunyaa Kabajame.

Guyyaan ayyaana daa’imman adunyaa bara kanaa akka addunyaatti marsaa 34ffaa fi akka biyyaatti marsa 18ffaaf kabajamaa jira.


Bulchiinsa magaalaa Adaamaattis qindeessummaa waajjira dubartootaa fi daa’immanii magalichaan dhaadannoo ”daa’imman irratti hojjechuun dhalootaaf bu’uura amansiisaa kaa’uudha” jedhuun kabajamee ooleera.

Bakka buutuun paarlaamaa daa’immanii magaalaa Adaamaa barattuu Hayaat Mohammed daa’imman naamusa gaarii agarsiisuu qabdu; Bakka tokko tokkotti gocha badaan waan mul’atuuf naamusa gaarii agarsiisuun barbaachisaadha jette jirti.

Itti gaafatamtuun waajjira dubartootaa fi daa’immanii magaalaa Adaamaa Aadde Ra’isaa Juneeydii ayyaanni kun mirgaa fi nageenyi daa’immanii akka kabajamuuf waggaa waggaan akka addunyaatti kabajama jedhan.

Daa’imman mirga barachuu akkasumas mirga dubbachuu guutuu qabu jechuun daa’imman barumsa keessan seeraan hordofuun bakka guddaa ga’uu qabdu jedhan.

Daa’imman kabaja ayyaana kanaa irratti argaman tokko tokko yaada addatti raadiyoo ABS’f kennaniin ayyaanicha irraatti argamuun hedduu akka isaan gammachiise himuun barnoota isaaniitti cimuun abdii biyyi irraa qabu akka galmaan ga’an dubbatan.
Gabaasni kan Yordaanos Mokonnin.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *