Magaalaa Adaamaa Kutaa magaalaa Luugootti yaa’iin hundeeffama mana maree aanaa migiraa gaggeeffame. Yaa’ii hundeeffama mana maree aanichaa kanarratti , Afyaa’iin mana maree bulchiinsa magaalaa Adaamaa aadde Immabeet Jibbaa,miseensota mana maree aanichaa abbootii gadaa,haadholii siinqee fi qaamoleen hoggansaa aanaa Migiraa  argamaniiru.

Yaa’ii mana maree kanarratti miseensonni mana marichaa muudama sadarkaa garagaraa taasisaniin,
aadde Baksuu Abdurroo afyaa’ii mana maree aanaa Migiraa, obbo Mohammad Manzaa I/aanaa afyaa’ii mana maree aanichaa fi obbo Isheetuu Galaasoo bulchaa bulchiinsa aanaa Migiraa taasisuun kan raggaasise yoo ta’u, Koree qindeessituu aanaa fi
Kaabinoota  aanichaa kanneen birootiifis muudama raggaasiseera.

Yaa’ii hundeeffama mana marichaa kanarratti haasawa kan taasisan af-yaa’iin mana marii magaalaa Adaamaa aadde Immabeet Jibbaa, magaalaan Adaamaa magaalaa riijiyoo pooliidhaan caaseffamtee fi caasaan isaa sadarkaa aanaa qabu ta’uu yaadachiisanii yeroo ammaa kana immoo manneen marii sadarkaa aanaatti hudeeffamaa jiruu jedhan.

Itti dabaluun akka aanaatti manni marii aanaa qaamolee mootummaa sadan kan ofkeessaa qabu ta’uu himanii, keessumaa gaaffilee uummanni gaafataa ture deebisuuf qaamoleen mootummaa sadan kun gara aanaatti gadi bu’uun isaa murteessadha jedhan.

Bulchaa bulchiinsa aanaa migiraa kan ta’an obbo Isheetuu Galaasoo  gama isaanitiin,manni maree aanaa hundaa’uun isaa guddina magaalaa teenyatiif gahee olaanaa qaba jedhanii, nutis akka qaama hoji raawachiisaatti qaamolee kanniin waliin taanee rakkoolee ummata keenya furraa jedhan.
Ummanni aanichaas karaa hundaan fayyadamummaan isaa akka mirkanaa’uuf tumsa gochuu qaba jedhan.

Mootummaan fayyadamummaa uummataa mirkaneessuf caasaan kun akka uummatatti gadi siqee hojjatu taasise waan ta’eef imaanaan mana maree, koree dhaabbii fi haggansatti kenname guddaadha kan jedhan immoo itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa aanaa Migiraa injinar Naannoo Masqaleeti.

Kanneen yaa’ii kanarratti hirmaatan qaamoleen uummanni bakka buufate kunniin muuxannoo qabaniin  kutannoon gaaffileen uummataa akka deebi’uuf akka hojjatan dhaamaniiru.
Dhumarrattis wixineen labsii mana marichaa dubbifamuun raggaasifameera.

Firaa’ol Doddeetu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *