Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Dambalaatti  Jiraattonni Aanaa Malkaa Adaamaa Inisheetiiviiwwaan aanicha keessatti hojjetamaa jiran imala badhaadhinaa milkeessuu keessatti shoora olaanaa qabu jedhan.

Bulchiinsi Aanichaa gama inisheetiivota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessanirratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu beeksise.


Mootummaan Inisheetiviiwwan garaagaraa bocee hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuun jiruuf jireenya hawaasaa jijjiiruuf hojjetaa jira.

Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Dambaalaatti Jiraattonni Aanaa Malkaa Adaamaa
Inisheetiiviiwwaan hojjatama jiran hawaasa Aanichaa sooruurra darbee,  imala badhaadhinaa milkeessuu keessatti gaheen isaa olaanaa dha jedhan.

Jiraattonni kunniin hojii inisheetivii mootummaan gadii buuse kana deeggaruun galmaan gahiinsa isaaf kutannoodhaan ni hojjanna jedhaniiru.

Bulchiinsi Aanaa Malkaa Adaamaa hojiilee misooma haawas dinaagdee jiraattota Aanichaa jijjiiruu fi qaala’insa jireenyaa amma jiru furuu danda’u jedhamanii yaadaman keessaa inisheetiivii smaart Adaama,kilaastara Avokaadoo, horsiisa horii Aannanii , horii foonii , horsiisa lukkuu fi horsisa booyyee irratti hojjachaa jiraachuu isaa Bulchaan Aanaa Malkaa Adaamaa Obbo Xilaahun Shuumii himan.

Aanichatti inisheetiiviin misooma qamadii bara kana lafa heektaara  235 irratti misoomsuuf karoorfamee lafa heektaara 6.5 irratti facaafamuu kan ibsan yoo ta’u kilaastara Avokaadoo lafa hektaara 10 irratti sheediwwan  sa’a Aannanii fi horii foonii Sadii horsiisa lukkuu karoorri 10 yoo ta’u yeroo ammaatti sheediin 2 ijaaramee xumuramuu isaa akkasumaa sheedii horsiisa booyyee lama hojjachuuf karoorfamuu isaa himan.

‘Smart Adaamaan’ walqabatee waajjira Aaniichaa hawwataa taasisuufi kenna tajaajilaa dijitaaleessu irratti hojjatamaa jiraachuus ibsaniiru.

Akka waliigalaatti hojiileen hojjataman gaarii ta’uu isaanii ibsanii garuu raawwiin amma jiru karoora waliin walsimsiisuu irratti hanqinni jiraachuu isaas Obbo xilaahun himaniiru.

Galma gahiinsa karoora kanaa irratti kallattiiwwan Kennaman humna guddaan ariitii,baay’inaa fi qulqullinaan hawaasa hirmaachisuun ni hojjanna jedhan.

Saamirawwit Abbabaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *