Tajaajilli Hospitaalli koollejjii fayyaa Adaamaa kennaa jiru harkifataa fi qulqullina kan hinqabnedha jechuun tajaajilamtootni tokko tokko komatan.

Hospitaalichi gama isaatiin fedhii fi dhiyyeessiin qorichaa walsimuu dhabuurraa rakkinichi uumamuu ibsuun rakkoo kana furuuf hojjechaan jira jedhe.


Hoospitaalli koollejjii fayyaa Adaamaa kenna tajaajila fayyaa kennaa jiru cinaatti bara 2003 irraa kaasee gara kolleejiitti guddaate.Waggootaan lakkoofsisee keessaatti oggeeyyii fayyaa sadarkaa Biyyoolleessaatti ogeeyyii hedduu barsiisee baasuun bobbaasaa jira.


Kana malees,wal’aansaan dabalata barnoota fayyaas kennaa jira.Kolleejjichi fayyadamtoota Magaalaa Adaamaan ala Godinaa Shawaa Bahaa,Godina Arsii, Naannoo Amaaraa,Sumaalee Affaariifi iddoowwaan gara garaa irraa dhufaniif tajaajila kennaa jira.

Tajaajilamtoitni hospitaalichaa tokko tokko hispitaalichi maamila hedduu qabaatus rakkoowwaan naannoo mana kaardii jirachuu,kutaawwaan deemuu qabnu seeraan nutti himuu dhabuu,walbeekamtii fi loogiin hojjechuun jiraachuu ogeeyyiin yeroon seenuu fi yeroon bahuu dhabuun waan jiruuf rakkoof saaxilamneerra jedhan.

Rakkoo fayyaatiif hospitaala kana dhufnus rakkoo qorichaa jirachuu,kaardii inshuraansii fayyaa qabaannus dawwaan kan hin jirree ta’uu,turtii yaalii argachuuf taasiifnu keessatti baasii hin malleef saaxilamaa waan jirruuf qaamni dhimmi ilaallatu fala nuuf haakennu jechuun tajaajilamtootni hospitaalichaa komatan.

Itti aanaan pirovoostii hospitaala koolleejjii fayyaa Adaamaa Dr. Toleeraa Abdataa gama isaaniitiin Kolleejiin fayyaa Hospitaala Adaamaa tajaajiila fayyaa kennuun guyyaa hojii eegaaleerraa kaasee bu’aa bayii heeduu keessa darbee as gahee jira jechuun
Hospitaallichi tajaajila gama deeddeebi’anii yaaluutiin ji’aati namoota kuma 20 hanga kuma 25 tti kan kennaa jiruu fi gama yaala dhibee ariifachiisaatiin namoota 2500 kennaa kan jiruu fi  yaala ariifachiisaa daa’iimman dhibba 600 hanga 1000 tti jia’atti deeddeebiin yaalaa kan jirudha jedhu.

Fedhii tajaajilamtootni iddoowwaan gara garaa irraa Hospitaallichaatti fayyadamuuf dhufaniif hospitaalichi dhiyyeessiiwwan jiruun wal simuu dhabuurraa irraan kan ka’e dhiphinni iddoowwanii akka jiran kan ibsan Dr Toleeraan rakkoowwan kanneen furuuf hojii dijiitaalaayizeeshiniitiin fayyadamaa kan jirrudha jedhu.

Rakkoo qala’iinsa gabaa akka adduunyaatti jiruun walqabatee,
dhiyyeessii qorichaa hiikuuf hospitaallichi mana qorichaa afur qopheesse keessatti siistamaan hordoofaa kan jiruu fi qorichi hospitaallicha keessa kan hin jirre yoo ta’e mana qoricha hawaasaa fi mana qorichaa qaxxaamura Diimaatii bitachuun ni danda’ama jedhu.

Itti aanaa pirovoostii Bulchiinsaa fi misooma Kolleejjii fayyaa Hospitaala Adaamaa  obbo Dajanee Gammachuu komiin tajaajilamtootni kaasan sirrii ta’uu himuun ogeeyyii fayyaafi hojjettoota daggersaa rakkoo naamusaa qaban eeruu dhufurra dhaabbannee taarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun itti quufinsa maamilaa dabaluuf nihojjenna jedhan.

Hojimaata tajaajila fayyaa dukitaalessuufi ammaayyeessuun furmaata waaraa mikenninas jedhan obbo Dajaneen.
Kan Gabaase Sisaay Isheetuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *