Inisheetivotni Misoomaa Mootummaan Eegalaman Fayyadamummaa Hawaas-Diinagdee Keenya Mirkaneessuu Keessatti Gahee Olaanaa Qabu Jedhan. Magaalaa Adaamaatti Jiraattotni Aanaa Dhakaa Adii.Bulchiinsi Aanaa Dhakaa Adii Gama Isaatiin Hirmaannaa Hawaasni Hojicharrati Taasisaa Jiru Dhadhaabbata Godhachuun Galma Ga’iinsaaf Xiyyeeffannoon  Hojjachaan Jira Jedha.

inisheetiivotni misoomaa mootummaa naannoo Oromiyaan bocamanii fi hojiitti hiikkamaa jiran haala qabatama hawaas-diinagdee naannichaa bu’uura kan taasifatanii fi ga’uumsa gara fuula duraa akeekuurratti faayidaa akka qaban bu’aalee yeroo gabaabaa hojiitti hikkamnitti fidan bu’uureffachuun haalaa fi yeroo adda addaan ni ibsama.

Raadiyoon FM ABS kanumarraa ka’uun Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Boolee Aanaa Dhakaa Adiitti haalli inisheetivota kanneen hojiitti hiikuuf itti adeemama jiru maal fakkaata jechuun jiraattota aanichaa keessaa dubbifteerti.

Aanichatti keessattuu ce’uumsa baadiyyaa irraa gara magaalaatti taasifamu si’eessuuf kan oolan hojiin inisheetiivii looniirratti furdisaa fi kanneen aanan kennan kunuunsuuf iddoo mijeessuu eegalame abdii guddaa nutti horeera jedhan jiraattotni dubbifne.

Gama horsiisa lukkuu fi kan biroorrattis wantootni qabatamaan eegalamanii fi adeemsarra jiran rakkoo hawaas-diinagdee keenya furuun jijjiirama galameessuuf nu gargaaru jedhan.

Milkaa’ina hojichaatiif hooggansa aanichaa faana qindoominaan hojjachaa jirraa kanumas itti fufna jechuun ibsan.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Dhakaa Adii obboo Shaambal Abarraa inisheetivota misoomaa keessaa horsiisa lukkuu,furdisa loonii,horsiisa booyyee fi qonna magaalaatiin misooma kuduraa fi muduraa milkeessuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa jirra jedhan.

Inisheetivota kanneenirratti namootaaf carraa hojii uumuu maddiitti walitti hidhamiinsa baadiyyaa fi magaalaa cimsuun imala baadiyyaa magaalessuu eegalame dhugoomsuuf akka gargaaranitti hojiirra oolchuuf socho’aa jirra jedhan.

Kanaaf haala kan mijeessan bu’uuraalee misoomaa zoonota baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhan keessumattuu daandii diriirsuurrattis wal-maddiitti raawwataa akka jiran eeran obboo Shaambal.

Gama biraatiin tajaajila hojjattootaaf kan oolu kaafteriyaa dallaa waajjirichaa keessatti gurmeessuun rakkoo qaala’iinsa gatii furuuf gahee akka bahatu taasifameera jedhu.

Milkaa’ina hojichaaf haaluma eegalametti hundumtuu hirmaannaasaa finiinsuu akka qabus dhaamaniru.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *