Waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa  Dhimmoota Naamusaa fi Tarsimoo Farra Malaanmaltummaa irratti kutaalee hawaasaa garaagaraaf Leenjii hubannoo cimsu kenne.

Malaanmaltummaan karaa qaxxamuraan duroomuuti.kana malees malaanmaltummaan gufuu dinagdee, diimokiraasii fi bulchiinsa gaarii akkasumas waliin jireenya hawaasummaa sabaa fi sablammootaa biyya tokkoo kan quucarsuudha. Kanuma galtee godhachuudhaan waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa jiraattoota magaalichaatiif mala ittisa malaammaltummaarratti leenjii hubannoo cimsu kenneef.

Dursaan garee dagaagina Naamusaa fi farra malaanmaltummaa  Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Geetaachoo Barcoo akka jedhanitti, leenjiin Kun Ittisa malaanmaltummaa fi hojimaata isaa irratti kan hundaa’eedha jedhan.

Malaanmaltummaa akka namni hunduu balaaleffachuu danda’uuf leenjiin Kun Isa ijoodha jedhan.leenjiin guyyaa har’aa kenname Kunis humna sadarkaa Aanaa jiru Kaasnee hanga Kutaalee Magaalichaa guutuutti kan kennamu ta’uu dubbatan.

Akkasumas hojimaatni karaa Mootummaan cabuu akka isarra hinjiraanne mana hojii Mootummaa keessatti tajaajilli kennamu kamiyyuu qulqullina isaa eeggatee saffisaan tajaajilamaa bira gahuu akka danda’u barnoota kennuuf kan tajaajiluudha jedhan.namni kamiyyuu xiyyeeffannoon malaanmaltummaa irratti duuluun naannoo isaa eeguun dirqama lammummaa isaa akka bahaatuufis dhaaman.
Leenjichis mata dureelee miidhaa malaammaltummaa,tooftaa ittisa malaammaltummaafi gahee hawaasaa jedhurratti kennameera.

Hirmaattonni leenjichaa tokko tokkos akka jedhanitti, Leenjii kana irraa waan hedduu arganneerra jechuun nutis iddoo jiraannu hundaatti malaanmaltummaa Ittisuu Fi irratti duuluun hundeerraa kaasnee balleessuuf qophiidha jedhan.

Amaanu’eel Daggafaatu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *