Bulchiinsaa Magaalaa Adaamaatti koonifransiin   liigii Dubartootaa nageenyarratti xiyyeeffate  Gaggeeffame.

Koonifransichi Dhaadannoo “nageenyaa Itiyooohiyaa nan tiksa ilmaan koos horata nan dhaalchisa “jedhuun kan gaggeeffame  yoo tahuu,  Af ‘yaa’ii mana maree Bulchiinsaa magaalaa Adaamaa Addee Immabbeetii Jibbaa dabalatee Itti  Gaafatamtoonni  Waajjiraalee garaagaraa,Haadholiin siinqee fi dubartoonni Aanaalee 19 n hirmaatan.

Koonifransiin nageenyaa kun kanaan duraa sadarkaa Aanaalee 19 n kan gaggeeffama turee yoo tahuu,kaayyoon isaas dubartiin haadha ilmaafi biyyaa, haadhaa nageenyaa akkasumas haadha misoomaa tahuu hubachuufi wal hubachisuu akkasumas hojii hangaa ammaa hojjetame wal beeksisuuf .

Itti Gaafatamtuu liigii Dubartootaa Bulchiinsaaa  magaalaa Adaamaa  Dr Galaanee Fiqaaduu paartiin badhaadhinaa fayyadamummaa dubartootaa dhugoomsuuf mirkaneessuuf hojii hawaas-diinagdee akkasumas kan siyaasaa baay’ee hojjecha jira,dubartoonnis dammaqinaan hirmaachuun kallatii hundan hojjecha  jiru jechuun  himan.

Hojiilee mootummaan kallatti kenne bu’uuraa taasisuun  dubartoonnis nageenyaa fi tasgabbii biyyaa keessatti hirmaachuu, deeggarsa raayyaa ittisaa biyyaaf taasisuu,hojii innisheetiivii misoomaa qonnarrattis hojjecha jiraachuu akkasumas  gama  siyaasaan waan boonsatu hojjetama jira,dubartoinni hundi  paartii badhaadhinaa cina hiriiruu qabna  jedhan.

Keessummaa kabaja tahuun saganticharratti  kan argamanifi ergaa kan dabarsan Itti Gaafatamaa dame ijaarsa paartii badhaadhinaa Bulchiinsaa Magaalaa Adaamaa Obbo Adam faqoo 
paartiin badhaadhinaa waan ijaan mul’achuu danda’uu  sadarkaa Itiyoophiyaa fi magaalootaa oromiyaa dabalatee godinaalee akkasumas aanaaleetti  dubartootaa gara Aangootti fiduun jijjiramnni akka  argamuu taasise kun  bu’aa isaatti  jedhan.

bakka dubartoonni keessatti hin hirmaanne nageenyi fi tasgabbiin hin jiru, guddinni  fi misoomni biyyaa galmaa gahuu hin danda’uu,hundii keenyaa kan hubachuun wal jajjabeessa gara fuulduraa imaluu qabna  jedhan obbo Adam.
Dabalatanis dubartoonni dhiibbaa isaanirra gahuuf  qabsoo gaggeessuu  qabu jedhan.

Dubarttoonni saganticharratti hirmaatan bakka dubartiin ijaare nageenyi hin jiru,mootummaan keenyaa innisheetiivii misoomaa qonnaa bocee hojjecha jira,rakkoo nageenyaarratti dubartoonni tooftaa keenyaatti fayyadamuun nagaa eeguufi eegisiisuu akkasumas karaa araaraa nagaa buusuu qabna jechuun himan.

Dabalatanis waa’ee paartii badhaadhinaa hubachuuf wal hubachisuu,qerroofi qarreen magaalaa Adaamaa maala hojjecha jiruu  isa jedhuu  beeksisuu qabna jedhan.
Dubartoonni halkan guyyaa gaachana sirna wajjiin qindoominaan nageenyarratti hojjecha jira,ammaas hojiin nageenyaa boqonnaa qabuu gara fuulduraa cime itti fufa jedhan.

Itti Gaafatamtuun waajjira kominikeeshinii Bulchiinsaa magaalaa Adaamaa addee Amiina Inkush haqaa waloo mirkaneessuuf ogeeyyiin mana murtii Aadaa   warreen waggaa 20 ol adda bahuun jiraacha turan araarsuu, nageenyaa waloo fiduuf gaachana sirna wajjin qindoominaan nageenyarratti hojjechuun bu’aa gaariin argame  jedhan.

garafuudura dubartoonni keenyaa qusannaa baankii siinqeetti qusachuu qabdu,innisheetiivii misoomaa qonnarratti hirmaachuu,nyaataa barattootaa karaa wal fakkaatuun  nyaachisuu fi qorannoo dhibee kaansarii gaggeessuu qabduu jechuun waamichaa dhiheessan.

Af Yaa’iin mana maree Bulchiinsaa magaalaa Adaamaa addee Immabbeetti Jibbaa  kallatti gara fuulduraa yeroo teechisan  dhimma nageenyarratti caasaa nageenyaa wajjiin wal dubbisuun hohjechuu, waan haaraa yoo agarre qaama dhimmi ilaaluuf gabaasuun furmaata laachuu,nageenyii Magaalaa Adaamaa kan biyyaa hundaa tahuu hubachuun
Xiyyeeffannnoo hojjechuu qabdu jedhan.

Miseensi deeggara fi guutuun waan  paartii badhaadhinaa madaaluufi waamisiisuu hojjechuu,fayyadamummaa dubartootaa kabajuufi kabachisuu qabduu jechuunis waamichaa dhiheessan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *