Kenna tajaajila iddoo tokkootiin tajaajilamaan dhamaatii tokko malee hoggansa waliin walargee rakkoon isaa akka furmaata argatu taasiseera jedhan hoji raawwachiisaan olaanaa kutaa magaalaa Dambalaa Obbo Shifarraawu Abbabaa

Kutaa magaalichaatti kenni tajaajilaa akka sadarkaa kutaa magaalaatti guyyaa roobii kennamu akkuma itti fufetti jira.
*
*


Hoji raawwachiisaan olaanaa kutaa magaalaa Dambalaa Obbo Shifarraaw Abbabaa turtii raadiyoo ABS waliin taasisaniin tajaajila iddoo tokkoo kennamuun hawaasni hoggansa isaan walqunnamee rakkoole jiran irratti waliin maryachuun furmaanni akka argamuuf haala mijeesseera jedhan.

Hawaasni sodaa tokko malee rakkoo isaa akka ibsatuufi kenna tajaajilaa kana irratti hubannoo walfakkaataa ta’e akka qabaatuuf sosochiin hubannoo uumuu hanga sadarkaa Aanaatti taasifamaa jiraachuu himan.

Ragaan tajaajilamtootaa waraqaa irraa bilisa taasifamuun gara dijitaalaatti deebifamuu kan himan Obbo Shifarraawu, kunis ammoo ragaan akka hin badneefi komiin tajaajilamtootaa akka hir’atu taasiseera jedhan.

Gama biraatiin hawaasni rakkoolee kenniinsa tajaajilaatiin hojjetaan walqabatanii jiran irratti karaa bilbila bilisaa 9141tiin eeruu kennuun tarkaanfiin akka fudhatamu taasisuu qabus jedhan.

Hawaasni kutaa magaalichaa kenna tajaajila iddoo tokkoo irratti arginee dubbifnes kanaan dura guyyaa kenna tajaajiaatti qaama dhimma isaanii ilaalu argachuuf rakkachaa akka turan dubbatu; kenni tajaajila iddoo tokkoo kunis kana kan hanbisedha jechuun himu. Boonaa Tasfaayee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *