Bulchiinsa magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Luugootti mata duree ‘Sabdaneessummaa obbolummaa nageenyaa waaraaf Badhaadhina hunda galeessaaf’jedhuun mariin uummataa gaggeefame.

Mariicha kan gaggeessaan waajjira paartii Badhaadhina magaalaa Adaamaatti itti gaagfatamaa komishiinii inspeekshinii naamusaa obbo kabaddaa Irannaa,hojii raawwaachiisaa olaanaa kutaa magaalaa Bokkuu Obbo Turaa Guzaaw fi itti gaaffatamaa waajjira paartii Badhaadhinaa kutaa magaalaa Daabee Obbo Abdoo Mahaammad yoo ta’an
hogantootni kutaa magaalichaa,abboottii Gadaa fi haadhooliin siinqee akkasumaas jirattootni aanaa kutaa magaalichaa hirmaattoota mariichaatti.
Itti aanaa hojii raawwaachiisaa ol’aanaa kutaa magaalaa luugoo obbo Lammaa Baqqalaa hasawaa baniinsaa taasiisaniin
ummannii waliin jirachuu keessaatti  waldhageetti taasisuun yaadamoota misoomaa fi nageenyaa keessaatti hanqinoota jiran hoggantootaaf akka kaasaan marii taasifamuudha jedhu.

Kana malees jedhu obbo Lammaan Milkaa’iina hojiilee hanga ammaatti hojjataman keessatti hirmannaan hawaasaa iddoo ol’aanaa qaba waan ta’eef uummannii keenya galata qabu jedhu.

Itti gaaffatamaa siyaasa Paartii Badhaadhina kutaa magaalaa Luugoo obbo Amsaaluu Abdiisaa barreefama ka’uumsaa mariif ta’uu dhiyyeessaan keessatti qormaatilee akka biyyaatti mul’atan hiikuu fi alseerummaa irratti danbii fi qajeelfamni labsiin bahaa akka jiru ibsuun, tarkaanfiin seeraan gaafaatamuu bocamaa kan jiruu fi rakkoo gama bulchiinsa gaariitiin jiru furuuf mootummaan hojjachaa jirachuu ibsamee jira.kana malees ijaarama aanaa fi zoonii keessaatti ilaalchaa fi ergama cimsuun nageenya mirkanaa’ee uumuun murteessaa akka ta’ee eeraan.

Ciminoota keenyaa itti fufsiisaa,
hanqinoota keenyaa irratti karoorfachaa deemuun ilaalchaa fi gocha diinaa diigaa deemuu, nageenyaa hawaasaa irratti warreen badii raawwaachaa jiran salphiisuu fi eeruu kennaa deemuu akkasumaas gabaa sirna qabsiisuu keessatti gahee nama hundaa ta’uu qaba jedhu.

Hirmaattootni mariichaa tokko tokko  daandii diinaa karaa cufuun,hojii mootummaan keenya hojjachuun akka addunyaatti beekkamtti argame tikfachuun gahee keenya ta’uu qaba jedhu. Nageenya magaalaa keenyaa mirkaneessuuf namoota gara magaalaa seenaan sakata’uun barbaachiisaadhaas jedhu.

Tokkummaa keenyaa cimsanee badhaadhina jalqabamee itti fufsiisuus qabna.Rakkoo qala’iinsaa irratti hojjatamuus qaba. Kana malees,
Dacheen oromiyaa misooma barbaadi waan ta’eef ABO shanee bosona jiru waliin marii gochuun nageenya waaraa buusuu,maqaa ABO shaneetiin saamichaa fi namoota uukkaamsuun dhaabbachuu qaba jechuun yaada fi gaaffii qaban dhiyyeessaan.

Hojii raawwaachiisaa olaanaa kutaa magaalaa Bokkuu obbo Turaa Gizaaw gaaffiilee ka’aniif deebii yoo kennaan Oromoon obbolummaatti amana.
Paartiin badhaadhinaa paartii walqixcummaa fi badhaadhinaatti ammanuudha.Kanaafuu jijjjiiramoota mula’achaa jiran kan tikfatu nu waan ta’eef kan duraa caalaa hojjachuu qabana jedhu.

Gochi gama nama ukkamsuu fi saamichaatiin raawwaachaamaatti jiru gocha oromoo ibsuu miti waan ta’eef gocha balaalleefamuu qabuudha kan jedhan obbo Turaan dhimmi qala’iinsa akkaataa jedhameen oomishitummaa irrattii  fi aadaa hojii keenyaa jijjiiruun gabaa tasgabeessuun ni danda’ama jedhu.

Yaadaa fi kallaattii kan kennaan   waajjiira paartii Badhaadhina magaalaa Adaamaatti itti gaaffatamaa komishiinii inspeekshinii naamusaa obbo kabaddaa Irannaa abbaa biyyaa taanee namni biroo seenaa keenya nutti himu hin qabu jechuun,jijjiirama akka biyyaatti dhufee adda baasnee beekuun,akkasumas oromoo diinagideen cimsuuf xiichinee hojjachuun  murteessaa ta’uu dubbatu.
Kana malees jedhu, waligaltee uumuu fi hirmannaa keenyaa cimsachuudha jedhu.

Dhimma ABO shaneetiin walqabatee mootummaan keenya yeroo adda addaa waltajjii marii araaraa uumaa akka ture ni beekamaa kan jedhan obbo Kabaddaan dhimma nageenyaa irratti caasaa nageenyaa waliin ta’uun nageenyaa keenyaa tikfachuun isin irraa kan eegamuudhaa jedhu.Iniisheetiivoota jalqabaman keessatti tokko taanee hojjachuun qala’iinsa jiruu hiikaa deemuu akkasumas injiifannoowwaan galman tikfachuus qabna jechuun dubbatan. Siisaay Isheetuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *