Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaatti Mariin  ummataa “Mata duree sab-daneessummaa Obbolummaa ,Nageenya waaraa Badhaadhinna Hunda-galeessaaf” jedhurratti Gaggeeffame.

Marii kanarratti Hoggansa ol’aanaa Magaalichaa dabalatee,hooggansi kutaalee Magaalaa garagaraafi aanaawwanii, abbootiin gadaafi haadhooliin siinqee akksumas kutaaleen hawaasaa kutaa magaalichaa  keessa jiraatan argamaniiru.

Marichaan haala Nageenya magaalichaa,kutaa magaalichaafi walitti dhufeenya hawaasichaa caalmaatti cimsanii gara fuulduraatti deemuuf ta’uu barreeffama dhiyeessaniin Kan ibsan itti gaafatamaa ijaarsa Paartii Badhaadhinnaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Obbo Gammachiisaa Qajeelaati.
Obbo Gammachiis Barreeffama Mariif dhiyeessan keessatti dhimmoota akka Hawaasummaan walqabatan,tajajila lammummaafi Bu’aalee gama nageenyaatiin argaman kaasuun hawaasni akka hubatu taasisaniiru.
Keessattuu wantoota jijjiiramichaaf ka’uumsa ta’an,kanneen akka gaaffi haqa qabeessummaafi qoodinsa aangoon walqabatan,gaaffi walqixxummaa federaalizimii dhugaarrattis hojii hojjatame ibsaniiru barreeffamichaan

Hoj-raawwachiisaa Ol’aanaan Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananii Obbo Lammaa Baqqalaa marii kanarratti argamuun akka jedhanitti jijjiiramaa qabsoon dhufe hunduu qooda keessaa akka qabnu beeknee  ammas hojicha Caalmaatti lafaan gahuufi ummata bal’aa biraan gahuuf dursa gurmaa’inni keenya murteessaadha jedhan.

Itti dabaluun Obbo Lammaan bittinaa’uurra wal dandeenyee, nageenya keenya ammoo kan qaama tokkoo goonee osoo hin  ilaalin eeggachuun tokkummaa keenyaan haa sochoonuu jedhan.
Hoji-Raawwachiistuu Ol’aantuun Kutaa Magaalaa Luugoo Addee Kadijjaa Jamaala marii kanarratti argamuun gama isaaniitiin hunda dura eenyummaa fi seenaa biyyi keenya keessa darbite yoo kan yaadannu ta’e qormaatileefi gufuuwwan garagaraa  sirnoota garagaraa keessatti mudachaa turan qolachuun gaaffilee ummata biyya kanaa  deebisaa turuun ni kan yaadatamuu waan ta’eef akkasitti hubachuun gaarii ta’a jedhanii
Keessattuu mootummaan akka mootummaatti hojii isaa yoo hojjatu isinis faddaaltota garagaraafi qaamolee alseerummaa gargaraa raawwatan jidduu keessanii baasuun hojii misoomaafi kalaqaa irratti waldeeggaraa haa hojjannuu jechuun dhaaman.

Itti Gaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinnaa Magaalaa Adaamaa Obbo Soorechaa Asfaaw yaada hawaasaa dhaggeeffachuun  Kallattii hojii fuulduraa kennaniin  yaadni isin kaastan akka humnaafi galteetti nugargaara jedhanii   jalqabarratti hojii hojjannu keessatti mirga keessan kabachiifachuu qabdu,
Inni biroo  ol’aantummaa seeraa waliin kabachiisnee  misooma keenya itti fufsiisuuf  waliin taanee biyya keenya akka ceesifnu jechuun  kallattii kaa’an Obbo Soorechaan.

Gabaasni Kan Madiinaa Jaarsooti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *