Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Booleetti mariin hawaasaa dhimmoota nageenyaa fi misooma irratti xiyyeefate gaggeefame.


*****
Ma
rii hawaasaa Galma paarkii Ooboottti gaggeefame kanarratti hoggansii sadarkaa  magaalaa fi kutaa magaalaa Boolee ,abboottin Gadaa ,haadhooliin Sinqee fi qaamoolee hawaasa gara garaa irratti hirmaatanii jiru.
Mata duree  misooma itti fuufinsa qabufi ijaarsa biyyaa  sab-daneesummaa nageenya walootiif jedhuun waltajiin gaggeefamee jira.
Barreefama ka’uumsa mariif ta’u kan dhiyyeessan itti gaafatamaan siyaasa kutaa magaalaa Boolee obbo Dabalee Haayiluu akka ibsanitti hojjileen gama hawaasummaa, dinagdee ,siyaasaa, inisheetivii fi  tajaajila lamummaatiin hojjataman olaanaa ta’uu ibsuun ijaarsa biyyaa eenyummaa,duudhaalee fi dantaa biyyooleessaa itti fuufsisuu keessattis hojiin boonsaa ta’e hojjatamuu ibsan.
Qormaatilee biyya keenya qooraa jiru kanneen akka finxaleesummaa,farreen nageenyaa,humna gaggeesummaa walfakkaataa ta’uu dhabuu akka rakkoottii kaasanii jiru.
Hiirmaannaan gama hundaan taasifamaa jiru dabalaa jiraachuu akka ciminaatti ibsuun soodaa nageenyaa ,kenna tajaajila iddoo tokkottin kennurratti ,alseerummaa adda addaa to’achurratti ,hojii dhabdummaa ,dhibbaa midiiyaa hawaasaan ololli adda addaa  darban irratti hojjachuurratti kan hafuu fi akka hanqinaatti ibsanii jiru.
Qaamooleen hawaasaa kutaa magaalaa Boolee  akka jedhanitti jijjirama waliigalaa akka biyyaatti dhufaa jiru diinqiisifachuun kan itti fuufsisan ta’uu ibsuun magaalichaatti dhimmoota kanneen rakkoo geejiba taaksii, daldaltoota  uummata saamaa jiran maaliif tarkaanfii irratti fudhatamuu dadhabame ,rakkoo bishaanii,  daandiin jalqabaman dafee nuf xumuramuu qaba, jijjirama akka biyyaatti dhufaa jiru kana qaamoolee guufachiisuuf socho’an waliin mariin taasifamuu qaba fi biroo akka sirreefamuuf gaafatanii jiru.
Hojii raawwachiisaan olaanaa kutaa magaalaa Danbalaa obbo Shifarraa Abbabaa akka jedhanitti magaalaan Adaamaa magaaloota akka biyyatti jiran 150 keessaa tokkofaa bahuusheetiin baga gammaddan jechuun akka magaalaa keenyaatti misooma keenya itti fuufsiisaa rakkoolee qabnu mariin furachaa,tokkummaa keenya cimsuu qabna jedhan.
Itti gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhina kutaa magaalaa Abbaa Gadaa obbo Masfiin Birhaanuu akka jedhanitti badhaadhinii kan hunda keenyaatti kan Itiyoophiyaanootaa ta’uu ibsuun seeneesii qeenxee biyya keenyaa kanaan dura ture cabbinsa hedduu akka hordofsise hubachiisan.
Jijjirama qabsoo  waareegama hedduun itti bahe kana sabaa fi sablamoonni biyya keenyaa kunnunfachaa badhaadhina waloo waliin mirkneessaa deemuun rakkoo fi gaaffii uummata keenyaa dhageefachuun jijjiramoota  gama hundaan dhufaa  jiru kana tokkummaan taanee itti fuufsisuu qabna jedhan.
Itti gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Aadam Faqoo kallattii kennaniin  akka jedhaniti paartiin badhaadhinaa fayyadamummaa uummata isaatiif halkanii fi guyyaa hojjachuun rakkoo fi gaaffii uummata isaa sadarkaan deebisuun ijaarsa biyyaa keessatti qooda olaanaan paartii hojjachaa jiruudha jedhan.
Muuxannoo gaarii gama misooma, nageenya,siyaasaa fi birootiin  kutaa magaaloonni  qaban  waliif qooduun hojjileen hojjatamaa jiru sadarkaa maal irra jira,qoormaatilee nu qunnaman akkamiin qoolachuun danda’ama, ijaarsa biyyaa cimsuu  kan jedhu ilaaluuf  waltajii uumataa kaayyeefamee gaggeefameedha jedhan.
Dhimmoota akka yaadaa,rakkoo  fi gaafitti kaastan hundaa akka galteettii fudhanee karaa qulqullina, ariitii fi baay’iina qabuun  uummata keenya tajaajiluun sadarkaa sadarkaan deebisuuf  kutannoo guddaan kan hojjatamu ta’a jedhan.
Taayyee Abarraatu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *