Magaalaa Adaamaa aanaa Dhakaa Adiitti mariin hawaasaa dhimmoota nageenyaa, misoomaa fi hariiroo waloomaarratti xiyyeeffate gaggeeffame.

Waltajjii marii kanarratti itti gaafatamtuun damee siyaasaa aanichaa aadde Masarat Kumsaa barreeffama gabaabaa dhiyeessaniin, Sirna darbe keessatti uummata Oromoo dabalatee sabaaf sablammoonni biyya kanaa gaaffilee mirgaa hedduu gaafachaa turanis deebii madaalu argachaa akka hin turre barreeffamicha keessatti tuqaniiru.

Haata’u malee Jijjiirama mootummaa ammaa keessatti dhufeen dirreen siyaasaa bal’atee sirna dimookiraasii lafa qabsiisuu fi biyyattiin diinagdeen akka ofdandeessu hojiin bal’aan hojjatamaa turuu ibasan.

Hojiiwwan akka magaalaattis ta’ee akka aanittiitti hojjataman Keessumaa nageenya tiksuu,wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, bu’uraalee misoomaa ijaaruu, hojiiwwan tajaajila lammummaa, magaalaa bareechuu, teknoolojiitti dhimma bahuu, seenessa waloo fi Obbolummaa dhugaa ijaaruu fi kanneen biroo bal’aan hojjatamaa turuu barreefamicha keessatti kaasanii dhimmoota ajandaa hawaasaa mariif ta’anis ibsaniiru.

Barreeffama dhiyaate bu’uura godhachuun yaadaaf gaaffii hawaasni kaaseen, erga mootummaan jijjiiramaa dhufee as hojiiwwan boonsaan hojjatamuu himan.

Gama biraatiin ijaarsa seeraan alaatiin wal qabatee sodaa manni nurraa diigama jedhu qabna kan jedhan jiraattonni kun naannoo gurmiittis namootuma maallaqa qaban gurmeessun ni jira jedhan. aanittiitti rakkoon bishaanii yaaddessaa ta’ee jiraachu fi kanneen biroo gaafataniiru.

Yaadaaf gaaffii hawaasni kaase kanaaf deebii kan kennan itti gaafatamaan waajjira paartii aanichaa obbo Nigusee Kabbadaa Ijaarsa seraan alaatiin wal qabatee olaantumma seeraa kabachiisuu fi pilaanii magaalaa sirreessuuf jecha ijaarsi seera hin eegne ni diigama jedhan. Kana yoo goonu garuu hawaasa mariisisaa ragaa jiru adda baasaa kan raawatamuudha jedhaniiru.

Gama gurmiitinis hojiin dargaggeessa fi harka qalleeyyii gurmeessun hojiitti galchuu hojjatamaa tureera kan jedhan Obbo Niguseen inni dureessatu gurmaa’aa jira jedhamu immoo hololaa jedhan. Gara fuulduraattis dargaggoota gurmeessun hojiitti galchuun itti fufa jedhaniiru.

Nageenya hawaasaa fi magaalaa tiksuu keessttis hojiin bal’aan hojjatamaa turuu isaatin akka diinni ololu osoo hin taane hawaasni nagaan ba’ee galaa jiras jedhan.

Hojiraawachiisaa olaanaan kutaa magaalaa Boolee obbo Bariisoo Baqqalaa gama isaatiin,
Rakkoo bishaanii furuuf sadarkaa magaalaatti wanti hojjatamaa jiru jiraachuu himaniiru.

Hawaasnis hojiilee hojjataman jajjabeeffachaa kan hafe obsaan eeggachaa misoomaaf nageenya itti fufsiisuu akka qabus dhaamameera.

Firaa’ol Doddee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *