Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Dambalaatti Qajeelchi Poolisii Kutaa magaalichaa miseensota Tajaajila poolisii hawaasaa fi jiraattota waliin koonfiraansii Nageenyaa geggeese.

Koonfiraansichi dhaadannoo  “Nageenya uummata keenyaa eeguuf halkanii fi guyyaa waardiyyaa ni dhaabbanna jedhuun” geggeefameera .

Waltajjicha haasawaan kan saaqan  Ajajaa qajeelcha poolisii kutaa magaalaa Dambalaa kan ta’an Itti aanaa komaanderaa Warqinaa Disaasaa nageenya kutaa magaalaa keenyaa eegsisuu keessatti  qindoomina caasaalee nageenyaa fi hawaasa keenyaan hojii hojjetameen haalli nageenyaa kutaa magaalaa keenyaa yeroo ammaa haala gaarii irra jira jedhan. 

Waltajjicha irrattis Barreeffamni gabaabaan dhiyaatera , Barreeffamichis keessattis Baatiwwan 6’n darban keessatti hojiilee hojjetaman kanneen akka al-seerummaa garaa garaa ittisuu ,balaa tiraafikaa hir’isuu keessatti ijoollee leenjisuun deeggertoota tiraafikaa taasisuu,hojii nageenyaa eegsisuu keessatti hawaasaa aboomsuu, caasaa nageenyaa mariisisuu fi hojii qorannoo yakka geggeeffameen hojiin boonsaa ta’e kan hojjetamaa ture ta’uun kaafameera.

Gabaasa dhiyaate irratti hundaa’uun qooda fudhatoota kan mariisisan
Ajajaa olaanaa qajeelcha Poolisii bulchiinsa magaalaa Adaamaa  Gargaaraa Komishinara   Shawaayyee Dachaasaa
nageenya naannoo keenyaa kan mirkaneessuu dandeenyu namni hunduu hirmaannaa yoo taasisedha, nageenyi waaraan biyya keenya keessa akka jiraatuuf  wareegamni guddaan kaffalameera jechuun, kana keessattis lubbuu ofii aarsaa gochuu, yaadaan cimsuu fi qabeenyaan deeggaruu keessatti hunduu gahee isaa ba’eera jedhan.

Hirmaattotni sagantichaa tokko tokko
kutaa magaalaa keenyatti Sagantaan akkanaa qophaa’ee akkamitti nageenya biyya keenyaa itti fufsiisuu dandeenya kan jedhu irratti waliin mari’achuun keenya qindoominni keenya cimee sadarkaa olanaa irra akka ga’uuf shoora olaanaa taphata jechuun, bu’aan nageenyaa guddinaa fi misooma biyya keenyaati waan ta’eef aadeffannaan akkasii itti fufuu qaba, nageenya biyya keenyaa fi magaalaa keenyaa waliin taanee eeguuf ni hojjenna jedhan.

Itti gaafatamaa waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya magaalaa Adaamaa obbo Makuriyaa Dinquu
Magaalaa Adaamaa gama nageenyaatiin magaalota biroo irraa kan adda godhu, nageenyi amansiisaan keessa jiraachuu isaati, kana keessatti immoo gaheen hawaasaa fi  qaamoleen nageenyaa ba’an olaanadha jedhan.

Hojiin nageenyaa hojii dagannaan hojjetamu miti waan ta’eef amma illee magaalli keenya akka hin diigamneef nageenyi amansiisaan cimee  akka itti fufu taasisuuf waliin karoorsuuf waliin hojjechuu qabna jedhan.

xummura saganticha irrattis nageenya kutaa magalichaa eegsisuu keessatti kanneen hirmaannaa bal’aa taasisaa turaniif  beekamtii fi badhaasni kennameera.

Gabaasni Kan Hawweeraa Fiqaaduuti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *