Yuniyeniin Waldaalee Qonnaan Bultootaa Luumee Adaamaa callaa guddiftuu adda addaa dhiyeessuun kaayyoo ittiin hundaa’e keessaa ijoodha jedhan Hoji-gaggeessaa Ittaanaan Yuuniyenichaa obboo Kaasaayee Charuu turtii ABS wajjiin taasisaniin.
Dhiyeessii fi raabsa callaa gudiiftuu kana kan jallisiif ooluu fi qonna gannaaf ta’u jechuunis akka raawwatan ibsan.
Xaa’oo gosa adda addaa kuntaala kuma 90 akkasumas sanyii filatamaa kuntaala 2756 qonna jallisii bonaa oomishni sassaabamaa jiruuf dhiyaateera jedhan.
Kunis kan baroota darbaniin walbira yoo qabamu isa qonna gannaaf dhiyaatuun akka walgitu himan.
Bara omishaa 2014/2015 keessa hanqinni callaa guddiftuu mudate akka irra hin deebineef bara 2016/2017f kan oolu mootummaan dursee biyya keessa seensisuu hordofee yuniyeniin keenya xaa’oo kuntaala kuma 100 fi kuma 58 waldaalee bu’uuraa bira qaqqabsiiseera jedhan.
Xaa’oon yeroon galuun immoo rakkoo fi hudhaa adeemsa geejjiibsiisuurratti yeroo gannaa mudaturraa baraareera jedhan.
Adeemsa gurgurtaa fi raabsaa xaa’oo hojmaata dijitaalawaan taasisuuf hojii jalqabameenis hanga ammaatti gurgurtaan xaa’oo qarshii miliyoona 24 sirna kanaan raawwatameera jedhan.
Sirni gurgurtaa dijitaalawaa immoo rakkoo iftoomina dhabuu hojicha keessatti muldhatuu fi qisaasama qabeenyaa gama kanaan ture hambisaa akka jiru kaasan obboo Kaasaayeen.
Jamaal Kadiiritu Gabaase.