Waajjirri Bulchiinsaa Aanaa Adaamaa hojii misooma innisheetiivotaan, milkaa’inni gurguddoon dhufaa jiraachuu beeksise.

Bu’uura diingdee biyyaa kan ta’e karoora hojii innisheetiivii misoomaa milkeessuuf mootummaan halkanii guyyaatti hojjachaa jira.Sochii hojii misooma innisheetiivotaa Aanaa Adaamaa ilaalchisuun Raadiyoo ABS waliin turtii kan taasisan Bulchaan Aanaa Adaamaa Obbo Taayyee Doorii yaada kennaniin Aanaan Adaamaa Aanaa qabeenya Uumamaan badhaate ta’uu kaasuun, Aanicha innisheetiivii misoomaa karooraan kaawwame galma geessuun badhaadhina ni milkeessina jedhan.

Aanaan  Adaamaa gandoota 22 irraa kan ijaaramte ta’uu kan himan obbo Taayyeen hojii innisheetiivii misooma qonnaan Aanichi akkaan milkaawaa jiraachuu dubbatan.
Giddu galli qonna qindaawaa Qobboo Luuxoo hojii misooma qonnaan fakkeenyummaa qabaachuu kan himan obbo Taayyeen jiddu galichatti carraan hojii uumameen namoonni 150 ol  fayyadamaa  ta’uu dubbatan.
Itti dabaluun yaada kaasaniin, hojii innisheetiivii Aanichaa keessaa tokko kan ta’e misooma barnootaa galmaan hahuuf carraaqiin guddaan taasifamuu himan. Kanaanis,
Manneen barnootaa bu’uura boruu ijaaruun manneen barnootaatti nyaata barattootaa dhiheessaa jirra. Innisheetiivii fayyaanis hojii hojjatameen Gandoota baadiyyaatti Faarmaasii Ammayyaawaa ijaaruun tajaajilaa qopheessineera. Gama horsiisaa fi gabbisa Loonii,horsiisa Lukkuu, Dammaa, magariisummaa fi qonna jallisiin  hojiileen abdachiisoon jiraachuu kaasan.
Hawaasni Aanichaa hojii misoomaa milkeessaa fuula duratti adeemaa jira kan jedhan obbo Taayyeen hojii misoomaan cinaatti hojii nageenyaa irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjachuu qabaan dubbatan.
Gandoonni aanichaa sochii hojii misooma qonnaan gandoota Muuxannoon irraa fudhatamuu ta’aa dhufuu kan kaasan obbo Taayyeen, gandoonni nageenya isaanii eeggachuun misooma ganda isaaniin fakkeenya ta’an ganda  Qobboo luuxoo, Qacamaa, Mukiyyee fi gandi Siree roobii isaan adda durummaan ka’an ta’uu kaasan.

Ergaa hawaasaa dhaamaniinis, hawaasni Aanichaa sochii misoomaa aanichatti taasifamu irraa fayyadamoo akka ta’u, karoora misoomaa qabatetti cichuun holola diinaa cabsaa misooma naannoo isaatti abbaa tahuun naannoo isaa misoomsuu akka qabu dhaaman.
Xaahir Gammaduutu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *