Invastimantii fi Industirii magaalattii keessatti babal’isuu fi Bu’a qabeessa taasisuun Carraan hojii bal’inaan akka uummamu sochii taasisa jiraachuu Wajjirri Investimentii fi Industirii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa beeksisee.

Wajjirichii Sochii hojii isaa waliigalaarratt addatti Raadiyoo ABS’f ibsa kenne.

***
Wajjirri Investimentii fi Industirii Magaalaa Adaamaa Guddinaa fi misooma magaalattii karaa itti fufiinsa qabu milkeessuuf babal’inni investimentii bu’a qabeessummaan isaa mirkanaa’e fi misoomni industirii dhugoome mirkaneessuuf galma godhatee hojachaa jira.

Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Tasfaayee kaasaa Akka magaalattiitti piroojektoota 1577qabaman keessaa pirojektootni 1016 kan ta’an qabatamaan garaa hojiitti galuu isaanii himan. Gama biraatiin jiraatota magaalattii 95,000 ol ta’aaniif carraan hojii uumamuu isaa eeraniiru.

Sochii Invastimantii magaalaatti Keessatti daaraan  akka babal’atu Pirojektoota Invastimantii gurguddoo fi Faayidaa guddaa argamsiisuu danda’an akkaataa Dambii fi Qajeelfama Invastimantii tiin simaachaa jiraachuus ibsaniiru.

Bu’a qabeessummaan Invastimantii caalmaatti akka mirkanaa’u itti dhiyeenyaan Abbootii Qabeenyaa deeggaruu fi Hordoffii cimaa taasisaa jiraachuu himanii, Pirojektoota Invastimantii Deeggarsaa fi Hordoffiin godhameefii gonkumaa gara hojiitti galuu hin dandeenye irratti akkaataa Dambii fi Qajeelfamaa Biroo Investimentii fi industirii Oromiyaan baasee bu’uura godhachuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa jiraachuu isaanii dubatan.

Gara fuulduraattis akkaa magaalattii kilaasteraa industirii babal’isuuf manneen ganda moofaa ta’aan haroomsuu, pirojeektii smart city dhaaf lafa hektaara 175 waan qophaa’eef Abbootii qabeenya simachuuf qophii irraa jirra jedhan.

Saamirawwit Abbabaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *