Dhaabbanni tola ooltumma “Mercy strangers home” jedhamu piroojektii gamoo namootni rakkoof saaxilaman keessatti gargaarsa argatan magaalaa Adaamaatti ijaarsisu irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeesse.

Hoggantoota olaanoo magaalattii dabalatee  qaamoleen hawaasaa waamichi isaaniif taasifame qooda fudhattoota sagantaa kanaati.

Dhaabbanni tola ooltummaa mercy kun bara 2022 kan hundaa’e yoo ta’u, daa’imman daandii irratti kufan dabalatee namoota sababa gara garaatiin rakkoo gara garaaf saaxilaman tumsuuf kan dhaabbatedha.

Yeroo ammaa kanattis bulchiinsa magaalaa Adaamaa, kutaa magaalaa Boolee Aanaa Gorootti waajjira banachuun hojii eegalee jira.

Piroojektii rakkoolee hawaasaa garaa garaa furuu danda’u bocuunis magaalaa Adaamaa keessatti ijaarsa gamoo eegalciisuuf qophaa’e qaamolee qooda fudhottootaa saganticha irratti argamaniif dhiyeesseera. Ijaarsa piroojektii kanaafis qarshiin kahumsaa miiliyoona 200 akka barbaachisu ibsameera.

Wayita piroojektiin kun xumuramuttis kenna tajaajila fayyaa haadholiif, da’immaniif akkasumas tajaajila gorsaa kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilamaniif kan keessatti kennamu ta’uu hubachuun danda’ameera.

Hundeessituun dhaabbatichaa Aadde Liidiyaa Baqqalaa namoota gargaarsa dhabanii daandii irratti kufanii fi tumsi isaan barbaachisuuf tajaajiloota garaa garaa kennuuf dhaabbatichi kan hundaa’e ta’uu himan.

Kana gochuufis magaalaa Adaamaa keessatti piroojektii bakka oolmaa daa’imman daandiirraa fi kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilaman biroo keessatti gargaarsa argatan bocanii hojiitti seenaa jiraachuu dubbatan.

Sagantaa kana irratti kan argaman itti gaafatamaan waajjira hojjetaa fi hawaasummaa magaalaa Adaamaa Obbo Geetaachoo Xaafaa Magaalaa Adaamaa guddina ariifachiisaa keessa jirtu kana keessatti qaamni hawaasaa kamuu irraa fayyadamaa akka ta’uuf Waajjirichi dhaabbilee tola ooltummaa gara garaa waliin hojjechuuf yeroo mara qophii ta’uu himan.

Qaamoleen hawaasaa hundis hojiilee akkanaa keessatti qooda isaa bahachuu akka qabu dhaaman.

Itti gaafatamaan waajjira dargaggoo fi Ispoortii magaalaa Adaamaa Obbo QuiA Qaabatoo xumura sagantichaa irratti bulchiinsi magaalicha galma gahiinsa piroojektii kanaaf tumsa barbaachisu mara akka taasisu himan.

Hirmaattonni sagantichaas waan barbaachisu maraan tumsuuf waadaa seenaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *