Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti konfiransiin walakkeessa filannoo Paartii Badhaadhinaa sadarkaa magaalaatti dhadannoo ‘waadaan gochaan badhaadhina Itooohiyaatiif ‘ jedhuun gaggeefameera.

Konfiransicha irratti Kantiibaa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee fi Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Ashanaafii Ajjamaa dabalatee,
hoiggansi ol’annoo magaalaa sadarkaa sadarkaan jiran akkasumas miseensotaa fi deeggartootni paartichaa kutaalee hawaasa garagaraa irraa walitti babbahan qooddattoota konfiransichaati.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Ashanaafii Ajjamaa kaayyoo konfiransichaa ilaalchiisee paartiin keenya qormaatilee heeddu keessa darbuun injifannoowwaan boonsa ta’e galmeessuun paartii gara fuulduraatii tarkaanfachaa jiruudha jechuun,paartii sabaa fi sablamoota hirmaachiisuun Paartii hunda’eedhaas jedhu.

Paartiin badhaadhinaa haala waadaa galeen milka’ina sochii hojii isaa keessatti gama dinaagdee fi  hawaasummaatiin,
gama ijaarsa sirna dimookiraasiitiin akkasumas gama ijaarsa dhaabbilee irratti xiyyeefachuun paartii hojjatee hojjachiisuun as gaheedha jedhu.

Kantiibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee gama isaanitiin paartiin badhaadhinaa yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa utuubuudhaan akkasumaas ceesisuuf qormaatilee adda addaa keessaa darbuun injiifannoo galmeessuu fi ummaata biraan paartii gahuu danda’eedha jedhu.

Paartiin keenya paartii waan karoorfate hojjachuun agarsiisuu danda’eedha jechuun,paartii dhaloota isaa barnootaa fi teekinoloojiin qaruun paartii hojjachaatti jiruudha jedhu.Akka magaalaa keenyaattiis hirmaannaa ummataatiin hojii guddaan kan hojjatameedha kan jedhan obbo Hayiluun,injifannoowwaan gama hundaan dhufaan tikfachuun gahee hunda keenyaa ta’uu qaba jedhan.

Gabaasa raawwii hojii paarichaa waggaa lamaa fi walakkaa dhiyaate bu’uura godhachuun hirmattotni konfiransichaa
hojiilee Paartiin Badhaadhinaa waggootaan lamaan keessatti hojjatamaan boonsaa fi rakkoo ummataa hiikuu danda’ee jiraa jechuun,akka magaalaa Adaamaatti namoota harka qalleeyyii daandii irraa kaasuun,
fayyadamummaa mana jireenyaa taasisuu fi carraa hojii uumuun haala jiruu fi jireenya fooyyee ta’e ijaaruu keessatti bu’aa gaariitu jira jedhu.

Wanti foyya’uu qabu jedhu hirmattotni, gama kenna tajaajilaatiin rakkoleen ammaas akka jiran kaasuun,irratti hojjatamuu akka qabu eeruun, tokkummaa keenya cimsachuu fi nageenya waaraa fiduuf dhimma xiyyeefannaa addaatiin hojjatamuu qabuudha  jechuun yaada isaanii ibsan.

Kallaatii hojii fuulduraa kan kennaan,
kantiibaa Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee Ciminoota gama hojii siyaasaatiin paartii cimaa ijaaruu,ummata tokkomsuu fi obbolummaa cimsuun paartiin adda duree ta’ee hojii misoomaa akka itti fufsiisuu gahee keessaan bahachuu qabdu jedhan.Kana malees jedhu, nageenya magaalaa Adaamaa tikfachuun, hojiiwwaa misoomaa rakkoo ummata keenyaa hiiku danda’an caalmaatti itti fufsiisuun hojjachuun xiyyeefannoo konfiransii kanaa ta’uu qabaas jedhu.

Kan Gabaase Sisaay Isheetuu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *